Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mormituun Kiristoos Eenyudha?

Mormituun Kiristoos Eenyudha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Mormituun Kiristoos nama tokko ykn dhaabata tokko qofa kan argisiisu miti, sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun “mormitoonni Kiristoos baayʼeen” jiru jedha. (1 Yohaannis 2:18) Jechi “mormituu Kiristoos” jedhu jecha afaan Giriikii, hiikni isaa “faallaa (ykn bakka) Kiristoos” jedhu irraa kan dhufe siʼa taʼu, nama wantoota armaan gadii raawwatu kam iyyuu kan argisiisu dha:

 Kitaabni Qulqulluun dhuunfaatti namoota gocha akkasii raawwatan mormituu Kiristoos jechuu malees namoonni kun walitti qabaatti “mormituu Kiristoos” akka taʼan ibsa. (2 Yohaannis 7) Mormituun Kiristoos bara ergamoonni turanitti kan mulʼate siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee hamma yoonaatti jira. Kun akka taʼu Kitaabni Qulqulluun raajiidhaan dubbateera.—1 Yohaannis 4:3.

Mormituu Kiristoos akkamitti adda baasna?

  •   Isaan Yesuusiin ilaalchisee yaada dogoggoraa babalʼisu. (Maatewos 24:9, 11) Fakkeenyaaf, warri barumsa sillaasee ykn Yesuus Waaqa Hundumaa Dandaʼu akka taʼe barsiisan barumsa Yesuus isa “Abbaan na caala” jechuudhaan barsiise mormu.—Yohaannis 14:28.

  •   Mormitoonni Kiristoos wanta Yesuus Mootummaan Waaqayyo akkamitti akka hojjetu ilaalchisee dubbate ni mormu. Fakkeenyaaf, geggeessitoonni amantii tokko tokko Kiristoos bulchiinsa namaatiin hojjeta jedhu. Taʼus, barumsi kun isa Yesuus, “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti” jechuudhaan dubbate wajjin wal faallessa.—Yohaannis 18:36.

  •   Isaan Yesuus Gooftaa isaanii akka taʼe kan dubbatan taʼus, misiraachoo Mootummichaa labsuu dabalatee ajaja inni kenne kam iyyuu hin abboomaman.—Mat. 28:19, 20; Luq. 6:46; HoE. 10:42