Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Andiree Shiyaan

CAAMSAA 9, 2024
RAASHIYAA

‘Yeroo Gara Fuulduraa Irrattin Xiyyeeffadha’

‘Yeroo Gara Fuulduraa Irrattin Xiyyeeffadha’

Manni Murtii Magaalaa Leesosibirisk naannoo Kiraasnoyaariskitti argamu obboleessa keenya Andiree Shiyaan ilaalchisee yeroo dhihootti murtii dabarsa. Abbaan alangaa wanta akka isarratti murteeffamu barbaadu ifa hin goone.

Ibsa Gabaabaa

Nutis akkuma Andiree ‘dubbiin Yihowaa abdii keenya akka nuuf taʼu’ heyyamuudhaan jajjabinaa fi cimina argachuu dandeenya.—Faarfannaa 119:114.

Chaartii Yeroo

  1. Sadaasa 25, 2021

    Manni isaa ni sakattaʼame

  2. Ebla 11, 2023

    Ammas manni isaa ni sakattaʼame. Himanni yakkaa isarratti baname. Akka hin imalle dhorkame

  3. Muddee 29, 2023

    Himanni isarratti baname mana murtiitti ilaalamuu jalqabe