Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Paavel Sidariyenkaa

HAGAYYA 25, 2023 | ODUU HAAREFFAME: EBLA 4, 2024
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSA TOKKOTTI MURTAAʼE | “Wanti Hariiroo Ani Yihowaa Wajjin Qabu Caalaa Na Gammachiisu Tokkollee hin Jiru”

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSA TOKKOTTI MURTAAʼE | “Wanti Hariiroo Ani Yihowaa Wajjin Qabu Caalaa Na Gammachiisu Tokkollee hin Jiru”

Ebla 3, 2024, Manni Murtii Magaalaa Gaariyaachiikilucheeviskooy inni Naannoo Kiraasnoodaaritti argamu obboleessa keenya Paavel Sidariyenkaa irratti murtii hidhaa daangaa waggaa sadii isa irratti dabarseera. Yeroo ammaatti mana hidhaa galuun isa hin barbaachisu.

Ibsa Gabaabaa

Akkuma Paavel carraaqqii nuti “daandii jireenyaa” irra deddeebiʼuuf goonu gammachuu guddaa akka nuuf argamsiisu beekuun keenya baayʼee nu gammachiisa.—Faarfannaa 16:11.

Chaartii Yeroo

  1. Amajjii 26, 2022

    Himanni yakkaa isa irratti dhihaate

  2. Amajjii 28, 2022

    Manni isaa ni sakattaʼame. Qorannaan isa irratti geggeeffame; imala akka hin goone dhorkame

  3. Bitootessa 22, 2023

    Himanni yakkaa mana murtiitti ilaalamuu eegale