Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Yeevgenii Busheev

SADAASA 20, 2023 | ODUU HAAREFFAME EBLA 26, 2024
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—MURTIIN HIRʼIFAME | Obboleessa Keenya Yeevgenii Busheev Irratti Hidhaan Waggaa Torbaa ni Murteeffame

ODUU HAAREFFAME—MURTIIN HIRʼIFAME | Obboleessa Keenya Yeevgenii Busheev Irratti Hidhaan Waggaa Torbaa ni Murteeffame

Ebla 25, 2024, Manni Murtii Godinaa Kaaliiniiniskii Naannoo Cheliyaabiiniskii hidhaa obboleessa keenya Yeevgenii Busheev irratti murteeffame ol iyyannoo waan dhiheesseef hidhaan waggaa tokkoo isaaf hirʼifameera. Amma kan hidhamu waggaa jaʼaafidha.

Sadaasa 7, 2023, Manni Murtii Godinaa Kaaliiniiniskii Naannoo Cheliyaabiiniskii obboleessi keenya Yeevgenii Busheev yakkamaa akka taʼe ibsuudhaan hidhaa waggaa torbaa isatti murteesseera. Mana murtichaatii kallattiidhaan gara mana hidhaatti geeffameera.

Ibsa Gabaabaa

Obboleessi kan biraan mana hidhaa galuun isaa baayʼee nu gaddisiiseera. Haa taʼu malee, Yihowaan obboleessa keenya Yeevgenii fi warra qorumsi isaan irra gaʼa jiru hundaaf iddoo koolu itti galan taʼuu isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 94:22.

Chaartii Yeroo

  1. Hagayya 24, 2022

    Himanni yakkaa isa irratti baname

  2. Fulbaana 8, 2022

    Manni isaa ni sakattaʼame

  3. Fulbaana 9, 2022

    Akka hin imalle dhorkame

  4. Fulbaana 20, 2023

    Ammas himanni yakkaa isa irratti baname

  5. Sadaasa 7, 2023

    Yakkamaa akka taʼetti ilaalamuudhaan hidhaan waggaa torbaa isatti murteeffamee