Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Maaksiim Ziinchiyeenkoo fi haadha mana isaa Kaariinaa

AMAJJII 23, 2024 | ODUU HAAREFFAME: EBLA 18, 2024
ODUU ADDUNYAA MARAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSA KEENYA TOKKOTTI MURTAAʼE | “Nama Amantii Qabuuf Wanti Hundi ni Dandaʼama”

ODUU HAAREFFAME—OBBOLEESSA KEENYA TOKKOTTI MURTAAʼE | “Nama Amantii Qabuuf Wanti Hundi ni Dandaʼama”

Ebla 16, 2024 Manni Murtii Godinaa Naakimoovsikii inni magaalaa Seevaastoopoolitti argamu, obboleessa keenya Maaksiim Ziinchiyeenkoon yakkamaa akka taʼe isatti murteessuudhaan, waggaa lamaaf hojii humnaa akka hojjetu isatti murteesseera. Gamoo mana sirreessaa keessa jiraachuu fi bakka ramadametti tajaajila uummataa kennuun isa irraa eegama.

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan obboleessa keenya Maaksiim dabalatee, namoota ija jabinaa fi jabaatanii dhaabbachuudhaan fedha isaa raawwachuu isaanii itti fufan akka eebbisu amanannaa guutuu qabna.—Ibroota 10:35, 36.

Chaartii Yeroo

  1. Caamsaa 17, 2023

    Sochii jaarmiyaa finxaalessaa taʼe irratti hirmaatteetta jedhamee yakkaan himatame

  2. Caamsaa 22, 2023

    Manni isaa ni sakattaʼame. Maaksiimii fi Kaariinaa irratti qorannaan ni geggeeffame. Maaksiim yeroodhaaf gara mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessatti hidhame

  3. Caamsaa 24, 2023

    Maaksiim ni gadhiifame, garuu manaa akka hin baane dhorkame

  4. Adoolessa 12, 2023

    Himanni yakkaa isaan irratti dhihaate ilaalamuu jalqabe