Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu Yeroo Hojii Kee Dhabdutti Si Gargaaruu Dandaʼan

Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu Yeroo Hojii Kee Dhabdutti Si Gargaaruu Dandaʼan

 Hojii kee dhabuun haalli dinagdee akka sitti ulfaatu gochuu isaa irra iyyuu, maallaqa gaʼaa dhabuu keetiin karaa miiraa fi karaa sammuu miidhaa si irran geessisa, akkasumas akka aartuu fi akka yaaddoftu si gochuu dandaʼa. Yaadawwan qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu yeroon itti hin darbine irratti hundaaʼan armaan gadii hubachuun kee rakkina kana dandamachuuf si gargaaruu dandaʼu.

  •   Miira kee namoota kaanitti himi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa.”—Fakkeenya 17:17.

     Hojii kee erga dhabdee booda gadduu, aaruu ykn burjaajaʼuu ykn utuu siif hin milkaaʼin akka hafe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Miira kee miseensoota maatii fi michoota keetti yommuu himtu, yaada nama jajjabeessu sii kennuu dandaʼu. Kana malees, gorsa gaarii hojii haaraa argachuuf si gargaaruu dandaʼu sii kennu taʼa.

  •   Garmalee dhiphachuu irraa of qusadhu.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Matumaa waaʼee boruutiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba.”—Maatewos 6:34.

     Kitaabni Qulqulluun dursinee karoora akka baafannu nu jajjabeessa. (Fakkeenya 21:5) Haa taʼu malee, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee garmalee akka hin yaaddofne ykn akka hin dhiphannes nu gorsa. Yeroo baayʼee waaʼee wantoota matumaa hin uumamne yaaddofna. Wanta harʼa gochuu dandeessu irratti qofa xiyyeefachuu qabda.

     Kitaabni Qulqulluun dhiphina yeroo ammaatti sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe gorsa ogummaa irratti hundaaʼe dabalataa kenna. Waaʼee kanaa caalaatti beekuuf mata duree “Dhiphina Moʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu dubbisi.

  •   Baajeta kee irratti jijjiirama barbaachisaa taʼe godhi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Yeroon irraa hafaa qabaadhuttis taʼe yeroon dhabutti . . . jiraachuu baradheera.”—Filiphisiyus 4:12.

     Haala amma irra jirtu irratti sirreeffama godhi. Kunis humna keetii ol baasii akka hin gooneef, barsiifata baasii kee irratti jijjiirama gochuu kan dabalatu dha. Utuu hin barbachisn liqii keessa akka hin galle of eeggadhu.—Fakkeenya 22:7.

     Maallaqa amma qabdu irratti akkamitti sirreeffama gochuu akka dandeessu yaada dabalataa argachuuf, mata dudree “Galii Xinnoodhaan Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?” jedhu ilaali.

  •   Yeroo kee ogummaadhaan itti fayyadami.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamuudhaan . . . , ogummaadhaan deddeebiʼaa.”—Qolosaayis 4:5.

     Hojii dhaabbataa kan hin qabne taʼus, akkaataa yeroo kee itti fayyadamtu ilaalchisee barsiifata gaarii qabdu eeggadhuu itti fufi. Akkas gochuun kee jireenyi kee akka tasgabbaaʼuu fi kabajni ofiif qabdu akka dabalu taasisa.

  •   Haala si mudate wajjin wal baruuf carraaqqii godhi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba.”—Fakkeenya 14:23.

     Hojii kanaan dura hojjechaa turte irraa adda taʼe hojjechuuf fedhii qabaadhu. Hojiiwwan gad aanoo akka taʼanitti ilaalaman ykn miindaa kanaan dura argachaa turte irraa baayʼee gad aanaa taʼe qabu hojjechuu si barbaachisa taʼa.

  •   Irra deddeebiʼii yaali.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Ganamaan sanyii kee facaasi, hamma galgalaattis harki kee hin boqotin; sababiin isaas, inni kam akka guddatu . . . hin beektu.”—Lallaba 11:6.

     Hojii barbaaddachuu kee itti fufi. Hojii akka barbaaddu namoota kanittis himi. Firoota kee, namoota beektu, namoota kanaan dura wajjin hojjechaa turtee fi ollaawwan keetti himi. Dhaabbilee hojii qacarsiisan gaafadhu, beeksisawwanii fi weebsaayitiiwwan beeksisa hojii baasan ilaali. Hojii argachuu kee dura gaafannoowwan hojii hedduu gochuuf of qopheessi, akkasumas siivii kee bakka hedduutti galchadhu.