Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFII 9

Jijjiirama Tirannaatti Amanuun Qabaa?

Jijjiirama Tirannaatti Amanuun Qabaa?

KANA BEEKUUN NA FAYYADAA?

Jijjiiramni tirannaa dhugaa taanaan, jireenyi kaayyoo hin qabaatu. Jireenyi kan argame uumamaan taanaan immoo, gaaffiiwwan jireenyaa fi yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kaʼaniif deebii arganna.

UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?

Mee haala kana yaadi: Abdiin burjaajaʼeera. Waaqayyo akka jiruu fi jireenyi kan argame uumamaan akka taʼe amana. Harʼa garuu barsiisaan baayooloojii isaa, jijjiiramni tirannaa dhugaa akka taʼee fi qorannoo saayinsii amanamaa taʼe irratti akka hundaaʼe cimsee dubbate. Abdiin akka gowwaatti ilaalamuu hin barbaadu. Kanaaf akkana ofiin jedhe: ‘Saayintiistonni jijjiiramni tirannaa dhugaa taʼuu isaa erga mirkaneessanii ani eenyu taanaanan gaaffii kaasa?’

Ati utuu Abdii taatee, kitaabonni mana barumsaa jijjiiramni tirannaa dhugaa dha waan jedhaniif qofa ni fudhattaa?

TAKKA YAADI!

Yeroo baayʼee namoonni ilaalcha lamaanuu qaban, maalitti akka amanan dubbachuu irraa kan hafe maaliif akka itti amanan sirriitti hin beekan.

  • Namoonni tokko tokko jireenyi uumamaan akka argame kan amanan waldaan isaanii akkana jedhee waan barsiisuuf qofa dha.

  • Namoonni tokko tokko jijjiirama tirannaatti kan amanan mana barumsaatti waan barataniif qofa dha.

GAAFFIIWWAN GAAFACHUU QABNU JAʼA

Kitaabni Qulqulluun, “Manni hundi nama taʼe tokkoon akka ijaaramu beekamaa dha, inni wantoota hundumaa uume garuu Waaqayyo dha” jedha. (Ibroota 3:4) Kun wanta amanuu dandeenyu dhaa?

Jireenyi Uumaa hin qabu jechuun, manni tokko nama isa ijaare hin qabu jechuu wajjin tokko dha

ILAALCHA NAMOOTAA: Wantoonni uumama cufa keessa jiran hundi dhoʼiinsa biig baangi jedhamuu fi akka tasaa uumameen argaman.

1 Dhoʼiinsi kun akka uumamu kan godhe eenyu ykn maali dha?

2 Yaada wanti hundi waan hin beekamne irraa argame jedhu moo yaada wanti hundi qaama taʼe tokko irraa argame jedhutu nama amansiisa?

ILAALCHA NAMOOTAA: Ilmaan namootaa jijjiirama tirannaatiin bineensota irraa argaman.

3 Ilmaan namootaa bineensota irraa, fakkeenyaaf jaldeessa irraa dhufan taanaan, dandeettii yaaduu namootaa fi jaldeessaa gidduu garaa garummaa guddaan akkasii kan jiraate maaliifi?

4 Lubbuu qabeeyyiin uumamni isaanii wal xaxaa akka hin taane yaadamu illee baayʼee wal xaxoo kan taʼan maaliifi?

ILAALCHA NAMOOTAA: Jijjiiramni tirannaa dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera.

5 Namni akkana jedhee dubbatu ofii isaatii qorannaa godheeraa?

6 Hayyoonni akka itti amanan waan isaanitti himameef qofa jijjiirama tirannaatti kan amanan namoota meeqa dha?

“Bosona keessa utuu deemtuu mana bareedaa tokko argite haa jennu; yeroo kanatti ‘Manichi baayʼee bareeda! Mukumatu wal irratti jijjigee mana kana argamsiise’ jettee yaaddaa? Akkana jettee akka hin yaadne beekamaa dha! Kun wanta nama hin amansiisne dha. Maarree wantoonni uumama cufa keessa jiran hundi akkasumaan argaman jennee kan amannu maaliifi?”—Juuliyaa.

“Namni tokko manni maxxansaa tokko dhoʼee halluun keenyan isaa fi baaxii isaa irratti faffacaʼee, galmee jechootaa guutuu tokko akka argamsiise sitti hime haa jennu. Kana ni amantaa?”—Giween.

WAAQAYYOOTTI KAN AMANTU MAALIIFI?

Kitaabni Qulqulluun “dandeettii yaaduu” keetti akka fayyadamtu si gorsa. (Roomaa 12:1) Amantiin Waaqayyo irratti qabdu wantoota armaan gadii irratti kan hundaaʼe taʼuu hin qabu:

  • MIIRAAN (Qaamni hundaa ol taʼe akka jiru natti dhagaʼama)

  • AADAA (Haawaasa amantii cimsu keessan jiraadha)

  • DHIIBBAADHAAN (Warri koo Waaqayyotti akkan amanu na barsiisan)

Kanaa mannaa, wanta itti amantuuf sababii gaʼaa qabaadhu.

“Daree keessatti barsiisaan akkaataa qaamni keenya itti hojjetu yommuu ibsu, Waaqayyo akka jiru mirkanaaʼaan taʼe. Warra baayʼee xixinnoo taʼan dabalatee kutaaleen qaamaa hundi hojii mataa isaanii qabu; yeroo baayʼee utuu nuti hin beekin hojii isaanii raawwatu. Dhuguma iyyuu, qaamni ilmaan namootaa dinqisiisaa dha!”—Teerezaa.

“Gamoo dheeraa, doonii guddaa ykn konkolaataa yeroon argu ‘Kana eenyutu hojjete?’ jedheen of gaafadha. Fakkeenyaaf, konkolaataa kan hojjete nama dandeettii yaaduu qabu dha; konkolaatichi akka sochoʼuuf wantoonni achi keessa jiran hundi sirriitti hojjechuu qabu. Konkolaataa sana kan hojjete erga jiraatee, ilmaan namootaas qaamni uume jira.”—Riichaardi.

“Saayinsii caalaatti qoʼachaa yeroon deemu jijjiiramni tirannaa amansiisaa akka hin taane caalaatti hubachaan dhufe. . . . Gama kootiin, Uumaatti amanuu caalaa jijjiirama tirannaatti amanuutu amantii gaafata.”—Antoonii.

WANTA IRRATTI YAADAMUU QABU

Saayintiistonni waggoota hedduudhaaf waaʼee jijjiirama tirannaa qorannoo kan godhan taʼanis, hanga yoonaatti ibsa hundi isaanii irratti walii galan kennuu hin dandeenye. Saayintiistonni hayyoota jedhaman illee dhimma kana irratti walii galuu erga dadhabanii, ati jijjiirama tirannaa irratti gaaffii kaasuun kee dogoggora dhaa?