Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Bara duriitti namni tokko maasii namaa irratti inkirdaada facaasa yaanni jedhu amansiisaa dhaa?

Maxxansi Daayijast bara 1468, Bulchaan Jastiiniyaan jedhamu qopheesse kun, barreeffamoota waaʼee seera bara durii ibsan hedduu keessaa tokko dha

MAATEWOS 13:24-26 irratti Yesuus akkana jedheera: “Mootummaan samii nama maasii isaa irratti sanyii gaarii facaasee wajjin wal fakkaata. Utuu namoonni rafaa jiraniis, diinni namichaa dhufee qamadii facaasame sana gidduutti inkirdaada facaasee deeme. Qamadichi biqilee yommuu firii godhatu, inkirdaadni sunis ni mulʼate.” Barreessitoonni hedduun fakkeenyi kun dhugaa taʼuu isaa kan shakkan taʼus, barreeffamoonni seeraa warra Roomaa bara durii wanti kun dhugaa akka taʼe argisiisu.

Hiikni jechoota Kitaaba Qulqulluu tokko akkana jedha: ‘Seera Roomaa jalatti haaloo baʼuuf jecha maasii nama tokkoo irratti inkirdaada facaasuun yakka ture. Dhimma kana ilaalchisee seerri baʼuun isaa, gochi kun yeroo baayʼee kan raawwatamu taʼuu isaa argisiisa.’ Hayyuu seeraa kan taʼan Alastar Ker, Bulchaa Roomaa kan ture Justiiniyaan kitaaba Daayijast jedhamu Dh.K.D. bara 533⁠tti akka qopheesse ibsanii turan; kitaabni kun seerawwan Roomaa fi yaadawwan seerota Dh.K.D. bara 100-250⁠tti baʼan irraa fudhataman kan qabate ture. Barreeffama kana (Daayijast, 9.2.27.14) irratti akka ibsametti hayyuun seeraa Alpaayin jedhaman, dhimmi bulchaa Roomaa kan ture Seelsas akka ilaaluuf isatti dhihaate tokko akka uumame caqasanii turan. Namni tokko maasii nama biraa irratti inkirdaada facaasuu isaatiin sanyichi mancaʼee ture. Kitaabni Daayijest jedhamu, abbaan maasii sanaa ykn qonnaan bulaan lafa namaa qotu tokko badii gaʼe sanaaf nama balleessaa sana raawwate irraa beenyaa akkamii argachuu akka qabu ibsa.

Badii hamaan bara duriitti Bulchiinsa Roomaa jalatti raawwatame akkanaa, haalli Yesuus caqase kun dhugaa taʼuu isaa mulʼisa.

Warri Roomaa jaarraa jalqabaatti abbootii taayitaa Yihudootaatiif Yihudaa keessatti mirga hammamii kennu turan?

YEROO kanatti Yihudaan, bulchiinsa warra Roomaa jala kan turte siʼa taʼu, warri Roomaa kun immoo bulchaa loltoota of jalatti qabateen Yihudaa keessatti bakka buufamu turan. Kaayyoon bulchaa kanaa inni guddaan Roomaadhaaf gibira sassaabuu, akkasumas nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu gochuu dha. Warri Roomaa seerrii akka hin cabne kan eegan siʼa taʼu, namni jeequmsa uumu yoo jiraates seeratti dhiheessu turan. Kanaa achi garuu, warri Roomaa yeroo baayʼee dhimmoota guyyaa guyyaatti isaan mudatan geggeessitoonni Yihudaa akka ilaalan isaaniif dhiisu turan.

Saanhedriiniin Yihudootaa hojii irra utuu jiruu

Saanhedriin, akka mana murtii ol aanaa Yihudootaatti, akkasumas seera Yihudootaa wajjin haala wal qabateen akka mana mareetti tajaajila ture. Guutummaa Yihudaa keessa immoo manneen murtii xixinnoon jiru turan. Dhimmoonni mirga eegsisuu fi yakkaa wajjin wal qabatan hedduun, bulchitoonni Roomaa utuu gidduu hin seenin manneen murtii kanaan raawwatamuu dandaʼu turan. Haa taʼu malee, manneen murtii Yihudootaa yakkamtoota ajjeesuu hin dandaʼan turan; warri Roomaa mirga kana ofiif qofa fudhatanii turan. Wanti kana irraa adda taʼe kan raawwatame, yeroo miseensonni Saanhedriin Isxifaanosiin qoranii dhagaadhaan rukutamee akka ajjeeffamu godhanitti qofa ture.—HoE. 6:8-15; 7:54-60.

Kanaafuu, Saanhedriiniin Yihudootaa wantoota baayʼee raawwachaa ture jechuu dha. Taʼus, hayyuun Eemiil Shuurar jedhaman akkana jedhaniiru: “Wanti aangoo Saanhedriin daangessu inni guddaan, akkuma yeroo yakki siyaasaa wajjin wal qabate akka raawwatame shakkanitti godhan, abbootiin taayitaa Roomaa yeruma barbaadanitti ofiin dursa fudhatanii waan barbaadan gochuu dandaʼuu isaanii ti.” Fakkeenyaaf yeroo ajajaan waraanaa Qalaawudewos Liisiyaas jedhamu, Phaawulos ergamaan inni lammii Roomaa taʼe toʼannaa jala akka galu godhetti haalli akkanaa uumameera.—HoE. 23:26-30.