Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mana Banaa “Kattaa” Irratti Argamu

Mana Banaa “Kattaa” Irratti Argamu

Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti waajjira damee barreeffama itti maxxansan 15 qabu. Isaan keessaa tokko, waajjira damee Giddu Galeessa Awurooppaa, Jarmanii magaalaa Seeltars, naannoo Isteeyinfelsitti (afaan Jarmaniin “Dhagaa Kattaa” jechuu dha) argamu dha.

Caamsaa 23-25, 2014tti waajjirri damee Giddu Galeessa Awurooppaa waajjira kana akka daawwataniif olloota, daldaltootaa fi abbootii taayitaa biyya sanaa afeeree ture. Waajjirri damee kun kan eebbifame Ebla 21, 1984tti waan tureef, mata dureen qophii kanaa “Waggaa 30 Seeltars Keessatti Dabarsine” kan jedhu ture.

Yeroo kanatti namoota 3,000 ol taʼantu waajjira damee kana daawwate. Bulchaan magaalaa gara waggaa 30tiif bulchiinsa magaalattii wajjin hojjetan tokko, “Waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa daawwachuun yeroo hundumaa iyyuu qophii adda taʼe dha. Bara 1979 hanga 1984tti ariitiidhaan waajjirri damee Isteeyinfels keessatti ijaaramuun isaa hanga harʼaatti baayʼee na dinqisiisa” jedhaniiru.

Wantoota Ijoo Taʼan

Egzibiishiniin tokko mata duree “Saba Yihowaa Giddu Galeessa Awurooppaa Keessatti” jedhu qaba. Daawwattoonni, seenaa Dhugaa Baatonni Yihowaa gara waggaa 120tiif naannoo kanatti dabarsan ilaalaniiru. Egzibiishinii kana yoom iyyuu waajjira damee kana keessatti argachuun ni dandaʼama.

Egzibiishinii kan biraan Macaafota Qulqulluu baayʼinaan hin argamnee fi barbaachisoo taʼan kan argisiisu dha. Fakkeenyaaf, egzibiishiniin kun maxxansa jalqabaa Macaafa Qulqulluu afaan Jarman bara 1534 fi Macaafa Qulqulluu Elias Hutter’s bara 1599 qophaaʼee fi Polyglot Bible jedhamu, isa afaanota 12 of keessatti qabate irraa kutaa muraasa kan dabalatu dha. Dabalataanis, agarsiisni, chaartii fi viidiyoowwan dhihaatan, faayidaa jireenya keenya keessatti seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojii irra oolchuun qabu kan argisiisan turan.

Daawwannaa ofiin daawwatamu lama irratti immoo, daawwattoonni, dhiironnii fi dubartoonni 1,000 ol taʼan waajjira damee keessa akkamitti akka jiraatanii fi hojjetan ilaalaniiru. Daawwannaa isa jalqabaa irratti, mata duree “Haala Jireenyaa Keenya” jedhuun keessummoonni manneen jireenyaa ilaaluu dandaʼaniiru. Kutaawwan nyaataa keessattis kan nyaatan siʼa taʼu, olii gadi deddeemuudhaan daawwataniiru. Daawwattoota keessaa tokko “Bareedina iddoo kanaa amanuun namatti ulfaata” jedheera.

Daawwannaa lammaffaan mata duree “Barreeffamoota Qopheessuu,” jedhu kan qabuu fi Kutaa Maxxansaa, Kutaa itti barreeffamoonni hodhamanii fi iddoo biraatti itti ergaman kan argisiisu ture. Daawwattoonni akkaataa barreeffamoonni Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan itti maxxanfaman, walitti hodhamanii fi gara biyyoota 50 oliitti itti ergaman ijuma isaaniitiin ilaaluu dandaʼaniiru. Namichi tokko, “Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti tokkummaadhaan waliin hojjetu jedhee yaadee hin beeku. Barreeffamoonni isaanii guutummaa lafaa waliin gaʼu. Namoota fedhiidhaan hojjetaniin hojii kana raawwachuun baayʼee nama dinqisiisa” jedheera.

Daawwattoonni weebsaayitii jw.org jedhamu sirriitti beekaniiru

Wanti ijoon adda taʼe immoo isa weebsaayitii Dhugaa Baatota Yihowaa jw.org jedhamu beeksisu ture. Dargaggoonnis taʼan maanguddoonni qophiiwwanii fi viidiyoowwan ilaalaniiru, akkasumas gaaffilee isaaniitiif deebii argataniiru.

Daawwattoonni hedduun hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti hojjetan ilaalchisee beekumsa gadi fagoo argatanii, akkasumas hojii achitti hojjetamu dinqisiifachaa fi gammadaa daawwannaa isaanii xumuran. Namichi tokko, “Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee yaadawwan dogoggoraa hedduun qaban ture. Yaada koo sirreessuun qaba” jedheera. Dubartiin tokko immoo irra deddeebitee, “Guyyaan kun halaalatti nama jibbuu hambise” jetteetti.

a Hanga bara 2014tti

b Hanga bara 2014tti

c Hanga bara 2014tti