Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Himata Isaan Irratti Dhihaatu Hundaaf Deebii kan hin Kennine Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Himata Isaan Irratti Dhihaatu Hundaaf Deebii kan hin Kennine Maaliifi?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa gorsa Kitaaba Qulqulluu, himataa fi arrabsoo nu irra gaʼu hundaaf deebii akka hin kennine dubbatu ni hordofu. Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko, “Namni nama gaʼisaa gorsu, of in salphisa” jedha. (Fakkeenya 9:7, 8; 26:4) Himata sobaa irratti garmalee xiyyeeffachuudhaan falmii keessa galuu mannaa, Waaqayyoon gammachiisuu irratti xiyyeeffanna.—Faarfannaa 119:69.

 Dhugaa dha, “calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba.” (Lallaba 3:7) Namoota garaa qulqulluudhaan dhugaa beekuu barbaadan gaaffii gaafataniif deebii ni kennina, taʼus, falmii gatii hin qabne keessa seenuu irraa of qusanna. Akkas gochuudhaan barumsaa fi fakkeenya Yesuusii fi Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofna.

  •   Yesuus Philaaxos duratti yeroo sobaan himatame deebii hin kennine. (Maatewos 27:11-14; 1 Pheexiros 2:21-23) Inni machaaʼaa fi albaadhessa akka taʼe yeroo himatamettis deebii hin kennine. Kanaa mannaa, dhugaa buʼuuraa, “Ogummaan qajeelaa taʼuun ishii buʼaa ishiitiin mirkaneeffameera” jedhuu wajjin haala wal simuun namoonni gocha isaa irraa akka hubatan godheera. (Maatewos 11:19, miiljalee) Yeroo barbaachisaa taʼutti garuu, namoota maqaa isaa balleessaniif ija jabinaan deebii kenneera.—Maatewos 15:1-3; Maarqos 3:22-30.

     Yesuus duuka buutonni isaa himata sobaatiin abdii akka hin kutanne isaan barsiiseera. Akkana jedheera: “Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan, isin ariʼatanii fi sobaan wanta hamaa hundumaa isin irratti dubbatan gammadaa.” (Maatewos 5:11, 12) Taʼus, himanni akkasii duuka buutota isaatiif dhugaa akka baʼan carraa kan isaaniif banu yeroo taʼutti Yesuus waadaa, “Ani dubbii fi ogummaa mormitoonni keessan hundi mormuu yookiin falmuu hin dandeenye isiniif nan kenna” jechuudhaan gale ni raawwata.—Luqaas 21:12-15.

  •   Phaawulos ergamaan falmiin akkasii ‘buʼaas taʼe gatii akka hin qabne’ ibsuudhaan, Kiristiyaanonni mormitootaa wajjin falmii gatii hin qabne keessa galuu irraa akka of qusatan gorseera.—Tiitoo 3:9; Roomaa 16:17, 18.

  •   Pheexiros ergamaan Kiristiyaanonni yeroo haalli isaanii isaaniif heyyamutti hundatti amantii isaanii deggeruudhaan deebii quubsaa akka kennan jajjabeesseera. (1 Pheexiros 3:15) Taʼus deebiin akkasii yeroo baayʼee afaaniin utuu hin taʼin, gochaan kennamuun isaa gaarii akka taʼe ibsa. “Waan gaarii hojjechuudhaan namoota gowwaa wanta faayidaa hin qabne dudubbatan [cal jechisiisuun]” akka dandaʼamu dubbateera.—1 Pheexiros 2:12-15.