Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantii Walitti Makuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantii Walitti Makuu?

 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, amantii wajjin haala walqabateen namoota amantii hunda hordofanii wajjin mariʼachuun nu gammachiisa; kana jechuun garuu isaanii wajjin waaqeffachuudhaan amantii waliin makna jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun, Kiristiyaanonni dhugaan ‘wal taʼuudhaan akka walitti hidhaman’ dubbata; wanti akka walitti hidhaman godhe inni guddaan immoo tokkummaa amantii qabani dha. (Efesoon 4:16; 1 Qorontos 1:10; Filiphisiyus 2:2) Kun immoo amalawwan akka jaalala, gara laafinaa fi dhiifama gochuu jiran gaarii taʼuu isaanii amanuu qofa caalaa waan dabalatu qaba. Amantiin keenya beekumsa sirrii Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe siʼa taʼu, beekumsa kana malee amantiin keenya gatii kan hin qabne taʼa.—Roomaa 10:2, 3.

 Kitaabni Qulqulluun, namoota amantii kan biraa hordofanii wajjin waaqeffachuu gita malee walitti camadamuu wajjin wal bira qabee ibsa; kun immoo amantii Kiristiyaana tokkoo irratti miidhaa geessisuun isaa hin oolu. (2 Qorontos 6:14-17) Kanaaf, Yesuus barattoonni isaa amantii akka waliin makan isaaniif hin heyyamne. (Maatewos 12:30; Yohaannis 14:6) Haaluma walfakkaatuun, Seerri Waaqayyo karaa Musee kenname Israaʼeloonni bara duriitti turan waaqeffannaa saboota naannoo isaanii turan irratti akka hin hirmaanne ni dhowwa ture. (Baʼuu 34:11-14) Yeroo boodas Israaʼeloonni amanamoo taʼan afeerraa gargaarsaa saboonni kaan walitti dhufeenya amantii akka uuman isaan taasisu dandaʼu fudhachuu didaniiru.—Izraa 4:1-3.

Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota amantii kan biraa hordofanii wajjin marii ni godhuu?

 Eeyyee. Akkuma Phaawulos ergamaa, nutis tajaajila keenya irratti ‘hamma nuuf dandaʼame’ ilaalchaa fi amantii “namoota hedduu” hubachuuf carraaqqii goona. (1 Qorontos 9:19-22) Yommuu isaanii wajjin mariʼannutti, gorsa Kitaaba Qulqulluu namootaaf “ulfina guddaa” akka kenninu nuuf kenname hordofuuf carraaqqii guddaa goona.—1 Pheexiros 3:15.