Dhimma ijoo ta'etti seeni

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Doolfiinonni Kallattii Beekuuf Qaban

Dandeettii Doolfiinonni Kallattii Beekuuf Qaban

 Doolfiinonni sagalee adda addaa erga dhageessisanii fi siiqsanii booda sagalee deebiʼee dhagaʼamu sana dhaggeeffachuudhaan kallattii fi naannoo isaanii beeku. Saayintistoonni mala kallattii beekuu doolfiinii bootilnoos (Tursiops truncatus) jedhamuu ilaaluudhaan meeshaalee bishaan keessaa dambalii sagaleetiin hojjetan kalaquuf yaalaa jiru. Meeshaaleen kun rakkina teknoolojiin yeroo harʼaa jiru furuu hin dandeenye hiikuuf gargaaru.

 Mee yaadi: Doolfiinonni sagaleetti fayyadamuudhaan qurxummii cirracha galaanaa keessa dhokatan argachuu, akkasumas qurxummii fi dhagaa adda baasuu dandaʼu. Yuunvarsiitii Heeroyit-Waat, Eedinbargi Iskootilaanditti gargaaraa piroofeesaraa kan taʼan Kiiz Biraawun akka jedhanitti doolfiinonni kun “garaagarummaa qodaa bishaan qulqulluu, bishaan soogiddaa, dhangalʼaa miʼaa fi zayitii qabate gidduu jiru [fageenya] meetira kudhan irraa adda baasanii beekuu” dandaʼu. Saayintistoonni meeshaa dandeettii doolfiinonni kun qabanii wajjin wal fakkaatu qabu hojjechuuf fedhii qabu.

Doolfiinonni fageenya meetira kudhan irraa wanta qodaa tokko keessa jiru adda baasuu dandaʼu

 Qorattoonni dandeettii sagalee dhageessisuu fi deebisanii dhaggeeffachuu doolfiinota kanaa qoʼachuudhaan fakkeessanii hojjechuuf yaalaniiru. Achiis meeshaa elektirooniksii wal xaxaa sagaleedhaan hojjetuu fi ujummoo dheerinni isaa meetira tokko hin guunne keessa taaʼuu dandaʼu hojjetaniiru. Meeshaan roobootii misaayila fakkaatuu fi ofuma isaatiin deemuu wajjin wal qabsiifame kun, galaana jala deemuudhaan wantoota awwaalaman kan akka shiboo furdaa ykn ujummoo barbaadee utuu hin tuqin qorannaa gochuuf gargaara. Namoonni meeshaa kana kalaqan teknoolojiin kun warshaa zayitii bobaʼaa fi gaazii keessatti tajaajiluu akka dandaʼu dubbatu. Meeshaan dandeettii kallattii beekuu doolfiinotaa fakkeessuudhaan hojjetame kun meeshaalee yeroo ammaa jiran caalaa odeeffannoo walitti qabuuf akka gargaaru amanama. Kunis meeshaa tokko bishaan keessa iddoo gaarii kaaʼuuf, akkasumas miidhaa meeshaa tokko irra gaʼu beekuuf, fakkeenyaaf bakka utubaan maashinii bobaʼaa galaana keessaa baasu itti cabee fi ujummoon itti cufame beekuuf gargaara.

 Maal sitti fakkaata? Dandeettiin kallattii beekuu doolfiiniin bootilnoos jedhamu qabu jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?