Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qaamni Kana Tolche Jiraa?

Dandeettii Qurxummiin Kaatilfiish Bifa Jijijjiiruuf Qabu

Dandeettii Qurxummiin Kaatilfiish Bifa Jijijjiiruuf Qabu

QURXUMMIIWWAN Kaatilfiish jedhaman bifa isaanii jijijjiiruu fi hamma namni isaan arguu dadhabutti of dhoksuu dandaʼu. Akka gabaasa tokkootti, qurxummiiwwan kun, “bifa qaamaa garaa garaa kan qaban siʼa taʼu, bifa isaanii dafanii dafanii jijijjiiruu dandaʼu.” Kana kan godhan akkamitti?

Mee yaadi: Kaatilfiish bifa isaa kan jijijjiiru seelii addaa kiroomaatoofoor jedhamuu fi gogaa isaa jalatti argamutti fayyadamee ti. Kiroomaatoofooronni kutaa qaamaa akka korojoo halluun keessa guutee fi maashaawwan xixinnoodhaan marfame qabu. Kaatilfiish of dhoksuu yeroo barbaadu, sammuun isaa maashaawwan naannoo korojoo sanaa jiran akka shuntuuraniif ergaa dabarsa. Achiis korojoon sunii fi halluun sun kan dhifaman siʼa taʼu, kaatilfiish yeruma sana bifa isaa jijijjiira. Kaatilfiish dandeettii kanatti kan fayyadamu of dhoksuuf qofa utuu hin taʼin, gaanaaf hawwachuuf, tarii immoo walii galuufi dha.

Injiinaroonni Yunivarsiitii Biriistal, Ingilaanditti argaman gogaa kaatilfiish namtolchee taʼe hojjetaniiru. Pilaastikiiwwan gurraacha geengoo taʼan meeshaalee xixinnoo akka maashaalee kaatilfiishitti hojjetan gidduu galchan. Qorattoonni kun gogaa kanaaf humna elektiriikii yeroo kennan, meeshaaleen sun pilaastikiiwwan geengoo sana diriirsu, akkasumas akka dhifaman godhu; achiis halluun gogaa namtolchee sanaa ni gurraachaʼa, akkasumas bifti isaa ni jijjiirama.

Injiinar Joonaataan Roositer maashaalee kaatilfiish, “qaama lallaafaa uumamni akka gaariitti tolche” jedhanii kan waaman siʼa taʼu, qorannaan maashaalee kana irratti geggeeffame, uffata bifni isaa yeroo sekoondii tokko hin guunne keessatti jijijjiiramu hojjechuuf akka dandeessisu dubbataniiru. Roositer tarii namoonni uffata akka kaatilfiishitti hojjetame kana of dhoksuudhaaf ykn faashiniidhaaf uffachuu akka dandaʼan dubbataniiru.

Maal sitti fakkaata? Dandeettiin kaatilfiish bifa isaa jijijjiiruuf qabu jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni tolche jira?