Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Jiraa?

Waaqayyo Jiraa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun ragaa quubsaa Waaqayyo akka jiru amansiisu qabateera. Kitaabni Qulqulluun yaadawwan dhaabbileen amantii barsiisan callisnee fudhachuu mannaa, “dandeettii yaaduu” fi “hubannaa” keenyatti fayyadamuudhaan Waaqayyo irratti amantii akka qabaannu nu jajjabeessa. (Roomaa 12:1; 1 Yohaannis 5:20) Mee yaadawwan amansiisoo Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan armaan gadii ilaali.

  •   Uumamni cufti sirna qabaachuun isaa ragaa Uumaan akka jiru mirkaneessu dha. Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Manni hundi nama taʼe tokkoon akka ijaaramu beekamaa dha, inni wantoota hundumaa uume garuu Waaqayyo dha.” (Ibroota 3:4) Namoonni baratan hedduun yaadni salphaatti namaaf galu kun amansiisaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. a

  •   Ilmaan namootaa bineensota irraa haala adda taʼeen kaayyoo jireenyaa beekuuf uumamaan fedhii qabna. Fedhiin qaamaan nu barbaachisan yoo guutaman illee fedhiin beelaʼuu keenya akka itti fufnu godhu tokko jira. Kitaabni Qulqulluun ‘wantoota hafuuraa dheebochuu’ jedhee kan waamu yommuu taʼu, kun fedhii nuti uumamaan Waaqayyoon beekuu fi isa waaqeffachuuf qabnu kan dabalatu dha. (Maatewos 5:3; Mulʼata 4:11) Fedhii akkasii qabaachuun keenya Waaqayyo jiraachuu isaa qofa utuu hin taʼin fedhii qabnu kana akka guuttannu kan barbaadu akka taʼes ni argisiisa.—Maatewos 4:4.

  •   Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti balʼinaan ibsamanii fi jaarraawwan hedduu dura dubbataman yeroo booda raawwii isaanii argataniiru. Yaadawwan raajiiwwan kana keessatti ibsaman tokkoo tokkoon sirriitti raawwatamuun isaanii raajiiwwan kun qaama nama irra caalu tokko irraa akka dhufe argisiisa.—2 Pheexiros 1:21.

  •   Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo turanitti haalawwan saayinsiin bira hin geenye hedduu beeku turan. Fakkeenyaaf, bara duriitti namoonni hedduun lafti bineensota kan akka arba, karkarroo ykn sangaadhaan utubamtee akka dhaabatte amanu turan. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo ‘lafa homtuu utuu jala hin jiraatin akka rarraase’ dubbata. (Iyoob 26:7) Kana malees Kitaabni Qulqulluun lafti “geengoo” jechuudhaan boca lafaa akka gaariitti ibsa. (Isaayaas 40:22) Namoonni hedduun Kitaabni Qulqulluun yeroo sanatti yaadawwan akkasii qabaachuu kan dandaʼe barreessitoonni sun yaadawwan kana kan argatan Waaqayyo irraa waan taʼeef akka taʼe isaanitti dhagaʼama.

  •   Kitaabni Qulqulluun gaaffilee ulfaataa taʼan hedduudhaafis deebii ni kenna. Namni tokko gaaffilee kanaaf deebii quubsaa hin argatu taanaan Waaqayyo akka hin jirre godhee fudhachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Waaqayyo namoota kan jaallatuu fi waaqa hundumaa dandaʼu erga taʼee rakkinni kan jiraate maaliifi? Amantiin namoonni wanta gaarii utuu hin taʼin wanta gadhee akka raawwataniif sababa kan taʼe maaliifi?—Tiitoo 1:16.

a Fakkeenyaaf, qorataa urjii kan taʼan Alaan Saandeeg yeroo tokko akkas jedhanii turan: ‘Uumamni cufti sirnaan qindaaʼe dhohiinsa taʼeen akka argame godhee amanuun natti ulfaata. Sirnaa fi bifa akka qabaatu kan godhe wanti tokko kan jiru taʼuu qaba. Waaʼeen Waaqayyoo anaaf iccitii taʼus, wantoonni hundi waan hin jirre irraa gara jireenyaatti dhufuu kan dandaʼe kan uume waan jiruufi dha.”