Dhimma ijoo ta'etti seeni

Namichi Sooressii fi Alaazaar Eenyu Dha?

Namichi Sooressii fi Alaazaar Eenyu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Namichi sooressii fi Alaazaar fakkeenyota Yesuus barumsa fakkeenyaan kenne keessatti caqase keessaa isa tokko dha. (Luqaas 16:19-31) Seenaa kana keessatti namoonni kun garee namootaa lama bakka bu’u: (1) geggeessitoota amantii Yihudii of tuultota bara Yesuus turanii fi (2) namoota gad of qaboo garaa qajeelaa qabanii fi ergaa Yesuus dhaga’ani dha.

Mata duree kana keessatti

 Yesuus waaʼee namicha sooressaa fi Alaazaar maal dubbate?

 Yesuus Luqaas boqonnaa 16 irratti waa’ee namoota jireenya isaanii keessatti jijjiiramni guddaan isaan mudate lamaa ibseera.

 Seenaan Yesuus dubbate gabaabaadhumatti kana dha: Namichi sooressi tokko jireenya qananii jiraata. Namichi kadhataan Alaazaar jedhamu immoo balabala sooressa kanaa dura taa’ee wanta maaddii sooressa sanaa irraa harca’u eeggataa jira. Yeroo booda Alaazaar ni du’e; maleekonnis fuudhanii Abrahaam cinaatti isa geessan. Namichi sooressi sunis du’ee awwaalame. Lamaan isaanii iyyuu seenaa kana keessatti kan ibsaman erga du’anii booda lubbuudhaan akka jiran godhamanii ti. Namichi sooressi kun ibidda cimaadhaan dhiphachaa akka jiruu fi Alaazaarii fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba isaa akka isaaf qabbaneessuuf Abrahaam akka isaaf ergu gaafate. Abrahaam amma haalli namoota kanaa baay’ee garaagara akka taʼe, lamaan isaanii gidduu hallayyaa guddaan tokko akka jiruu fi lamaan isaanii gara waliitti ce’uu akka hin dandeenye ibsuudhaan gaaffii sooressa kanaa fudhachuu dide.

 Seenaan kun dhugumaan raawwatameeraa?

 Matumaa! Kun fakkeenya Yesuus barumsa tokko barsiisuuf itti fayyadame dha. Hayyoonnis seenaan kun fakkeenya taʼuun isaa irratti walii galu. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu Luutar bara 1912 tti maxxanfame irratti mata duree xiqqaan tokko kun fakkeenya akka ta’e ibseera. Kitaabni Qulqulluu Catholic Jerusalem Bible jedhamus miiljalee irratti kun “fakkeenya seenaa nama dhugumaan jiraatee wajjin wal hin qabanne” akka taʼe ibseera.

 Yesuus du’a booda jireenyi akka jiru barsiisuu isaa tii? Namoonni tokko tokko erga du’anii booda ibidda qilillee keessatti akka dhiphatan Abrahaamii fi Alaazaar immoo samii irra jiraatu jechuu isaatii? Haqni jiru hedduun kana jechuu isaa akka hin taane argisiisu.

 Fakkeenyaaf:

  •   Namichi sooressi kun bakka kallattiidhaan ibiddaan dhiphatan jira taanaan, ibiddichi bishaan quba Alaazaar irra jiru akka hurku gochuu hin danda’uu?

  •   Cophi bishaanii kun hurkuu yoo dhiise illee, ibidda qilillee boba’u qabbaneessuudhaan dhiphachuu irraa isa furuu danda’aa?

  •   Yesuus hanga yeroo inni fakkeenya kana ibsetti namni gara samiitti ol ba’e tokko illee akka hin jirre erga dubbatee, Abrahaam akkamitti samii irra jiraachuu danda’a?—Yohaannis 3:13.

 Seenaan kun barumsa ibidda qilillee ni deggeraa?

 Lakki! Kun seenaa dhugumaan raawwatame ta’uu baatus, namoonni tokko tokko seenaan kun yaada warri gaariin gara samiitti akka ol ba’an namoonni hamoon immoo ibidda qilillee keessaatti akka gubatan kan ibsu akka ta’e falmu. a

 Yaadni kun sirrii dhaa? Miti!

 Barumsi ibidda qilillee wanta Kitaabni Qulqulluun haala namoonni du’an keessa jiran dubbatuu wajjin wal hin simu. Fakkeenyaaf Kitaabni Qulqulluun namoonni gaariin du’an hundi gammadanii akka jiraatan, hamoonni immoo ibidda qililleetiin akka dhiphatan hin dubbatu. Kanaa mannaa Kitaabni Qulqulluun, “Warri lubbuudhaan jiran akka duʼan beeku; warri duʼan garuu homaa hin beekan” jechuudhaan ifatti dubata.—Lallaba 9:5.

 Seenaa namicha sooressaa fi Alaazaar hiikni isaa maali dha?

 Seenaan kun garee namootaa lama dhiheenyatti haalli isaanii guddaa akka jijjiiramu kan argisiisu dha.

 Namichi sooressi geggeessitoota amantii Yihudii warra “maallaqa jaallatan” argisiisa. (Luqaas 16:14) Isaan yommuu Yesuus dubbatu kan dhaga’an ta’us ergaa isaa mormaniiru. Geggeessitoonni amantii kun namoota hedduu ni tuffatu.—Yohaannis 7:49.

 Alaazaar namoota hedduu iddoo guddaa hin qabnee fi ergaa Yesuus fudhatan argisiisa, geggeessitoonni amantii Yihudii isaaniin ni tuffatu.

 Jijjiiramni haala garee namootaa lamaan kana irratti ta’e baay’ee guddaa dha.

  •   Geggeessitoonni amantaa Yihudii Waaqayyo biratti fudhatama akka qaban yaadu turan. Haa ta’u malee Waaqayyo geggeessitoonni kun ergaa Yesuus fudhachuu diduu isaaniitiin kan ka’e isaanii fi waaqeffannaa isaanii fudhachuu yommuu didetti akka waan du’aniitti ilaalaman. Akkasumas ergaa Yesuusii fi duuka buutonni isaa lallabaniin kan ka’e ni dhiphatan.—Maatewos 23:29, 30; Hojii Ergamootaa 5:29-33.

  •   Namoonni iddoo guddaa hin qabnee fi geggeessitoota amantii isaaniitiin tuffatamaa turan amma fudhatama argachaa jiru. Baay’een isaanii ergaa Kitaaba Qulqulluu Yesuus barsiise fudhataniiru; faayidaas irraa argataniiru. Waaqayyo biratti bara baraaf surraa qabaachuuf carraa argataniiru.—Yohaannis 17:3.

a Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko jecha “qilillee” jedhu bakka namichi sooressi kun erga du’ee booda jiru argisiisuuf itti fayyadamu. Haa ta’u malee, jechi Afaan Giriikii (Haadis) jedhuu fi Luqaas 16:23 irratti itti hojjetame bakka awwaalchaa ilmaan namootaa qofa argisiisa.