Dhimma ijoo ta'etti seeni

Faasikaan Maali Dha?

Faasikaan Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Faasikaan ayyaana Yihudoonni yeroo itti Waaqayyo garbummaa Gibxii jalaa isaan baase jechuunis Dh.K.D. bara 1513 yaadachuuf kabajani dha. Waaqayyo Israaʼeloonni ayyaana iddoon guddaan kennamuuf kana waggaa waggaadhaan akka Yihudootaatti jiʼa Abiib jedhamuu fi yeroo booda Niisaan jedhame guyyaa 14ffaatti akka kabajan ajajee ture.—Baʼuu 12:42; Lewwoota 23:5.

Faasikaa kan jedhame maaliifi?

 Jechi “Faasikaa” jedhu yeroo itti dhaʼichi ilmaan angafaa warra Gibxii ajjeesetti eegumsa Waaqayyo Israaʼelootaaf godhe argisiisa. (Baʼuu 12:27; 13:15) Waaqayyo dhaʼicha cimaa kana fiduu isaa dura Israaʼeloonni hoolaa ykn reʼee qalanii dhiiga isaa buusaa mataa balbala manneen isaanii irratti akka diban isaanitti himee ture. (Baʼuu 12:21, 22) Waaqayyo mallattoo kana argee mana isaanii ‘irra darba,’ akkasumas ilmaan angafaa isaanii dhaʼicha kana irraa oolcha ture.—Baʼuu 12:7, 13.

Bara duriitti Faasikaan kan kabajamu akkamitti ture?

 Waaqayyo Israaʼeloonni Faasikaa isa jalqabaa akkamitti akka kabajan ilaalchisee qajeelfama isaaniif kennee ture. a Qabiyyeewwan ayyaana Faasikaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokko wantoota armaan gadii dabalatu.

  •   Aarsaa: Maatiiwwan hundi jiʼa Abiib (Niisaan) gaafa guyyaa kurnaffaa fi 14ffaatti hoolaa (ykn reʼee) waggaa tokkoo erga filatanii booda ni qalu. Faasikaa isa jalqabaa irratti Yihudoonni dhiiga isaa keessaa muraasa isaa michichila balbalaa fi buusaa mataa balbala manneen isaanii irratti dibu, akkasumas beeyilada qalan sana guutummaatti waadanii nyaatu.—Baʼuu 12:3-9.

  •   Nyaata: Hoolaa (ykn reʼee) dabalatee maxinoo fi biqiltuun hadhaaʼus nyaata Faasikaa Israaʼeloonni nyaatan keessaa tokko ture.—Baʼuu 12:8.

  •   Ayyaana: Israaʼeloonni Faasikaa booda guyyoota torbaaf Ayyaana Maxinoo kabaju turan, yeroo kanatti wanta raacitii qabu tokko illee hin nyaatan.—Baʼuu 12:17-20; 2 Seenaa Baraa 30:21.

  •   Barumsa: Warri guyyaa Faasikaa waaʼee Yihowaa ijoollee isaanii barsiisuuf itti fayyadamu.—Baʼuu 12:25-27.

  •   Imala: Yeroo booda Israaʼeloonni ayyaana Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem deemu turan.—Keessa Deebii 16:5-7; Luqaas 2:41.

  •   Barsiifatawwan kan biroo: Bara Yesuusitti wayinii fi faarfannaawwan faarfachuun kutaa ayyaana Faasikaa taʼee ture.—Maatewos 26:19, 30; Luqaas 22:15-18.

Faasikaa ilaalchisee yaada dogoggoraa jiru

 Yaada dogoggoraa: Israaʼeloonni nyaata Faasikaa kan nyaatan Niisaan 15tti ture.

 Dhugaa jiru: Waaqayyo Israaʼeloonni Niisaan 14 erga aduun lixxee booda hoolaa akka qalanii fi galgaluma sana akka nyaatan isaan ajajee ture. (Baʼuu 12:6, 8) Israaʼeloonni guyyaa isaanii kan lakkaaʼan erga aduun lixxee jalqabee hamma guyyaa itti aanu aduun lixxutti ture. (Lewwoota 23:32) Kanaafuu, Israaʼeloonni hoolaa kan qalanii fi nyaata Faasikaa kan nyaatan Niisaan 14 yommuu jalqabutti jechuu dha.

 Yaada dogoggoraa: Kiristiyaanonni Faasikaa kabajuu qabu.

 Dhugaa jiru: Yesuus Dh.K.B. Niisaan 14 bara 33tti Faasikaa erga kabajee booda ayyaana haaraa Irbaata Gooftaa jedhamu hundeesse. (Luqaas 22:19, 20; 1 Qorontos 11:20) Ayyaanni kun guyyaa aarsaan Kiristoos inni ‘hoolaa Faasikaa’ taʼe itti yaadatamu waan taʼeef ayyaana Faasikaa bakka buʼa. (1 Qorontos 5:7) Aarsaan furii Yesuus namoota hunda garbummaa cubbuu fi duʼaa jalaa bilisa waan baasuuf aarsaa Faasikaa irra ni caala.—Maatewos 20:28; Ibroota 9:15.

a Yeroon darbaa yommuu adeemu sirreeffama tokko tokko gochuun ni barbaachise. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni Gibxii baʼuuf qophaaʼuu waan qabaniif Faasikaa isa jalqabaa kan kabajan “ariitiidhaan” ture. (Baʼuu 12:11) Haa taʼu malee, Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda Israaʼeloonni ariitiidhaan kabajuun isaan hin barbaachisne.