Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Iddoo Murtaaʼe Tokko Qofa Jiraataa?

Waaqayyo Iddoo Murtaaʼe Tokko Qofa Jiraataa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee. Waaqayyo iddoo murtaaʼaa, jechuunis samiiwwan keessa jiraata. Mee caqasawwan Kitaaba Qulqulluu kana ilaali:

 Solomoon Mootichi yommuu kadhannaa dhiheessu, “Waaqa irraa, iddoo jireenya keetiitii isaaf dhagaʼi!” jedheera.—1 Mootota 8:43.

 Yesuus Kiristoos barattoonni isaa akkamitti kadhannaa dhiheessuu akka qaban yommuu barsiisu, “Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu” jedheera.—Maatewos 6:9.

 Yesuus erga duʼaa kaafamee booda, “Waaqayyo duratti mulʼachuuf kallattiidhaan gara samiitti seene.”—Ibroota 9:24.

 Caqasawwan kun Yihowaan Waaqa dhugumaan jiru akka taʼee fi bakka hunda kan jiraatu utuu hin taʼin samii keessa qofa akka jiraatu ifatti ibsu.