Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Maarqos 1:15—“Mootummaan Waaqayyoos Dhihaateera”

Maarqos 1:15—“Mootummaan Waaqayyoos Dhihaateera”

 “Yeroon murteeffame raawwatameera; Mootummaan Waaqayyoos dhihaateera. Kanaaf, yaada geddaradhaa; misiraachichattis amanaa.”—Maarqos 1:15, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhiʼaateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa!”—Maarqos 1:15, Hiika Bara 1997.

Hiika Maarqos 1:15

 Yesuus Kiristoos inni gara fuulduraatti Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼu isaan wajjin waan tureef, Mootummaan Waaqayyoo a “dhihaateera” jechuudhaan dubbateera.

 Yesuus Mootummichi bulchuu jalqabeera jechuu isaa miti. Kanaa mannaa, Mootummichi gara fuulduraatti akka dhufu barattoota isaatti himeera. (Hojii Ergamootaa 1:6. 7) Haa taʼu malee, akkuma Kitaabni Qulqulluun dursee yeroo Mootichi itti mulʼatu dubbatetti inni Mootii taʼee mulʼate. b Kanaan kan kaʼes, Yesuus, “Yeroon murteeffame raawwatameera” jechuudhaan dubbateera, kunis Mootummicha ilaalchisee yeroo inni wangeela ykn misiraachoo lallabuudhaan tajaajila isaa itti jalqabu jechuu dha.—Luqaas 4:16-21, 43.

 Namoonni misiraachoo waa’ee Mootummichaa ibsu irraa fayyadamuuf, yaada geddarachuu, jechuunis cubbuu kanaan dura hojjetanitti gaabbuu fi ulaagaa Waaqayyootiin jiraachuun isaan barbaachisa ture. Namoonni yaada geddaratan, misiraachoo waa’ee Mootummaa gara fuulduraatti dhufu sanaa ibsu irratti amantii akka qaban argisiisaniiru.

Yaada naannoo Maarqos 1:15⁠tti argamu

 Yesuus jechoota kana kan dubbate yommuu tajaajila isaa Galiilaatti jalqabetti dha. Maatewos 4:17 seenaa kana wajjin walfakkaatu yommuu ibsu, Yesuus “yeroo sanaa jalqabee” waa’ee Mootummaa Waaqayyoo akka lallabe dubbata. Mootummichi barumsa ijoo tajaajila Yesuus ture. Siruma iyyuu, jechi Mootummaa jedhu Wangeelota c arfan keessatti siʼa 100 ol kan caqasame siʼa taʼu, baayʼeen isaa kan caqasame jechoota Yesuus dubbate irratti dha. Seenaa Kitaaba Qulqulluu keessatti Yesuus dhimmoota kan biroo caalaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbateera.

Maarqos boqonnaa 1 ibsa miiljalee wajjin dubbisi.

a Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii Waaqayyo lafa irratti fedha isaa raawwachuuf hundeesse dha. (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10) Ibsa dabalataa argachuuf mataduree “Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?” jedhu ilaali.

b Yesuus gaʼeewwan Masiihicha raajiidhaan dubbatamee fi bakka buʼaa Waaqayyoo taʼuudhaan raawwatu keessaa isa tokko raawwachuuf Mootii taʼuu qaba ture. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu Yesuus Masiihicha taʼuu isaa argisiisan ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree, “Raajiiwwan Waaʼee Masiihichaa Dubbatan Yesuus Masiihicha Akka Taʼe ni Mirkaneessuu?” jedhu ilaali.

c Wangeelonni, Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii ykn yeroo baayʼee Kakuu Haaraa jedhamee beekamu keessaa kitaabota jalqabaa arfan waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus odeeffannoo qabatani dha.