Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Hebrews 11:1—“Amantiin Wanta Abdatan Mirkanaaʼaa Taʼanii Eeggachuu Dha”

Hebrews 11:1—“Amantiin Wanta Abdatan Mirkanaaʼaa Taʼanii Eeggachuu Dha”

 “Amantiin wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu dha, akkasumas ragaa wantoonni ijaan hin mulʼanne dhuguma akka jiran argisiisu dha.”—Ibroota 11:1, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Amantiin waan abdatan ‘Dhuguma in taʼa’ jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan hin argines akka waan arganiitti “Jira” jedhanii lakkaaʼuu dha.”—Ibroota 11:1, Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997.

Hiika Ibroota 11:1

 Caqasni kun hiika baayʼee gabaabaa Kitaabni Qulqulluun amantii ilaalchisee kennuu fi amantiin wanta tokkotti amanuu caalaa waan dabalatu akka qabu kan argisiisu dha.

 “Amantiin wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu dha.” Barreeffama afaan jalqabaatiin Ibroonni 11:1, jechi Afaan Giriikii “amantii” jedhamee hiikame yaada amanannaa, mirkanaaʼaa taʼuu ykn cimsanii amansiisuu jedhu qabaachuu argisiisa. Amantiin akkasii wanta akka raawwatamu hawwinu irratti kan hundaaʼe utuu hin taʼin, ‘wanta mirkanaaʼaa taʼe’ dha. Yaanni Afaan Giriikii “mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu” a jedhamee hiikame “sanadii abbaa qabeenyummaa” jedhamees hiikamuu kan dandaʼu siʼa taʼu, kunis wanta tokko argachuuf amanannaa qabaachuu ykn mirkanaaʼaa taʼuu kan argisiisu dha.

 “Amantiin . . . waan ijaan hin argines [ykn, “ragaa amansiisaa,” miiljalee] akka waan arganiitti ‘Jira’ jedhanii lakkaaʼuu dha.” Amantiin ragaa qabatamaa taʼe irratti kan hundaaʼe dha. Namni tokko wanta hin argine tokko dhugaa taʼuu isaa waan isa amansiisuuf kun ragaa baayʼee cimaa taʼe dha.

Yaada naannoo Ibroota 11:1tti argamu

 Kitaabni Ibrootaa xalayaa Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti Yerusaalem keessaa fi naannoo ishii jiraataniif barreesse dha. Phaawulos boqonnaa kutaa xalayaa isaa kana keessatti amantiin barbaachisaa taʼuu isaa ibseera. Fakkeenyaaf akkas jedhee barreesseera: “Amantii malee akka gaariitti Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas, namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu amanuu qaba.” (Ibroota 11:6) Phaawulos Ibroota 11:1 irratti hiika amantiin qabu erga ibsee booda, dhiirotaa fi dubartoota Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffamanii fi amala kana argisiisanii caqaseera. Amantii isaanii haala fedha Waaqayyoo wajjin walsimuun deddeebiʼuudhaan akkamitti akka argisiisan ibseera.—Ibroota 11:4-38.

a Yaanni Afaan Giriikii “wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu” jedhamee hiikame, jecha ipoostoosiis jedhu irraa kan hiikame yommuu taʼu, kallattiidhaan “jabaatee kan dhaabate, buʼuura” jedhamee hiikamuus ni dandaʼa. Jechi kun Afaan Laatiiniitiin sabstaanshiiyaa jedhamee kan hiikame yommuu taʼu, akka Kitaaba Qulqulluu Kingi Jeemisitti Varzyiniitti jecha Ingiliffaa “substance” jedhuun itti hojjetameera.