Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Filiphisiyus 4:8—“Wanta Dhugaa Taʼe Hunda, . . . Wantoota Kana Yaaduu Keessan Itti Fufaa”

Filiphisiyus 4:8—“Wanta Dhugaa Taʼe Hunda, . . . Wantoota Kana Yaaduu Keessan Itti Fufaa”

 “Dhuma irrattis yaa obbolootaa, wanta dhugaa taʼe hunda, wanta ulfina qabu hunda, wanta qajeelaa taʼe hunda, wanta qulqulluu taʼe hunda, wanta jaallatamaa taʼe hunda, wanta maqaa gaarii qabu hunda, wanta gaarii taʼe hundaa fi wanta galateeffamu hunda, eeyyee, wantoota kana yaaduu keessan itti fufaa.”—Filiphisiyus 4:8, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Ammas yaa obboloota ko, waa’ee waanuma dhugaa ta’ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa’amuu, waanuma qulqulluu ta’ee, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti toluu, waanuma gaarii ta’ee, waanuma galata qabuu yaadaa!”—Filiphisiyus 4:8, Hiika Bara 1997.

Hiika Filiphisiyus 4:8

 Waaqayyo wanta ilmaan namoota yaadaniif xiyyeeffannaa ni kenna; keessumaa immoo yaanni keenya gara gochaatti kan nu geessu waan ta’eef wanta yaannuuf xiyyeeffannaa kenna. (Faarfannaa 19:14; Maarqos 7:20-23) Kanaafuu, namoonni Waaqayyoon gammachiisuu barbaadan, yaadawwan ija isaa duratti hamaa ta’an yaaduu irraa fagaachuu fi wantoota isa duratti fudhatama qaban irratti yaaduu qabu.

 Caqasni kun wantoota gaggaarii Kiristiyaanonni ‘yaaduu isaanii itti fufuu’ qaban, jechuunis yaaduu isaanii barsiifata godhachuu qaban saddeet ibsa.

  •   “Wanta Dhugaa.” Jechi kun wantoota sirrii fi amanamuu danda’an, kanneen akka odeeffannoo Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo ta’e keessatti argamanii kan ibsu dha.—1 Ximotewos 6:20.

  •   “Wanta ulfina qabu.” Gaaleen kun dhimmoota baay’ee barbaachisoo ta’an kan argisiisu dha. Wantoota faayidaa hin qabne, wantoota gatii hin qabne ykn wantoota gad aanoo ta’an kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, kutannoo Kiristiyaanonni wanta sirrii ta’e raawwachuuf godhan cimsuuf isaan gargaaran argisiisu dha.—Tiitoo 2:6-8.

  •   “Wanta Qajeelaa.” Jechi kun karoorawwanii fi gochawwan ogummaa ilmaan namootaa irratti hundaa’an utuu hin ta’in, ulaagalee Yihowaan wanta sirrii ta’eef baase wajjin wal siman kan argisiisu dha.—Fakkeenya 3:5, 6; 14:12.

  •   “Wanta Qulqulluu.” Jechi kun yaadaa fi miira qulqulluu ta’e kan argisiisu dha; dhimmoota saalqunnamtii wajjin wal qabatan dabalatee, wantoota hundumaa kan of keessatti qabate dha.—2 Qorontos 11:3.

  •   “Wanta Jaallatamaa.” Jechi kun jibba, hammeenya ykn wal dhabiinsa utuu hin ta’in wantoota nama gammachiisan fi jaalalli akka nutti dhaga’amu godhan kan argisiisu dha.—1 Pheexiros 4:8.

  •   “Wanta maqaa gaarii qabu.” Gaaleen kun wantoota namni tokko maqaa gaarii akka qabaatu taasisanii fi namoonni Waaqayyoof ulfina kennan iddoo guddaa kennaniif kan argisiisu dha.—Fakkeenya 22:1.

  •   “Wanta gaarii.” Jechi kun karaa naamusaa wantoota ulaagaalee Waaqayyoo wajjin akka gaariitti wal siman argisiisa. Wantoota guutummaa guututti gaarii ta’an argisiisa.—2 Pheexiros 1:5, 9.

  •   “Wanta galateeffamu.” Jechi kun wanta keessumaa ija Waaqayyoo duratti leellifamu ykn faarsamu argisiisa. Kana malees, hojiiwwan Waqayyoo warra jajamoo kan ilmaan namootaa irratti yaaduu qaban kan dabalatu dha.—Faarfannaa 78:4.

Yaada Naannoo Filiphisiyus 4:8​tti argamu

 Phaawulos ergamaan xalayaa kana Kiristiyaanota Filiphisiyusiif kan barreesse, Roomaa keessatti manatti hidhamee utuu jiruu ti. Haa ta’u malee, hayyoonni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennan, gammachuudhaan, akkasumas miira ho’aa fi jaalalaan kaka‵ee wantoota hedduu waan barreesseef xalayaa isaa “xalayaa gammachuu” jedhanii ibsaniiru.—Filiphisiyus 1:3, 4, 7, 8, 18; 3:1; 4:1, 4, 10.

 Phaawulos obbolootaa fi obboleettota isaa Filiphisiyus keessa jiran baay’ee jaallata ture, akkasumas akkuma isaa gammachuu fi nagaa akka qabaatan barbaada ture. (Filiphisiyus 2:17, 18) Kutaa xumuraa xalayaa isaa irratti, gammadoo akka ta’an, yaada ofiitti kan hin cichine akka ta’an, yeroo hunda kadhannaadhaan Yihowaatti akka amnaman, akkasumas wantoota nagaa keessaa akka qabaatanii fi Waaqayyoo wajjin nagaa akka qabaatan isaan taasisan irratti akka xiyyeeffatan isaan jajjabeesseera.—Filiphisiyus 4:4-9.

 Viidiyoo qabiyyee kitaaba Filiphisiyus gabaabsee ibsu kana ilaali.