Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Ermiyaas 11:11—“Ani Badiisa . . . Isaanitti Nan Fida”

Ermiyaas 11:11—“Ani Badiisa . . . Isaanitti Nan Fida”

“Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani badiisa isaan jalaa ooluu hin dandeenye isaanitti nan fida. Gargaarsa argachuuf yommuu na waammatan, ani isaan hin dhagaʼu.’”—Ermiyaas 11:11, Hiika Addunyaa Haaraa.

“Kanaafis ani Waaqayyo, ‘Kunoo, badiisa isaanitti nan fida; isa jalaas baʼuu hin dandaʼan; isaan gara kootti yoo iyyan iyyuu ani isaaniif hin dhagaʼu.”—Ermiyaas 11:11, Hiika Bara 1997.

Hiika Ermiyaas 11:11

 Waaqayyo Yihudoota bara Ermiyaas raajichaatti jiraachaa turanitti dubbachaa jira. Namoonni seerawwan Yihowaa a qajeeloo taʼan, akkasumas sirreeffama jaalala irratti hundaaʼee fi karaa raajota isaa isaaniif kenname waan tuffataniif, miidhaa guddaa karaa gadhee isaan filatan isaan irraan geessise irraa isaan hin eegu.—Fakkeenya 1:24-32.

 “Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha.” Jechi “kanaafuu” jedhu caqasa kanaan dura ture irraa kan itti fufu taʼuu isaa argisiisa. Ermiyaas 11:1-10 irratti, Yihowaan sabni isaa kakuu ykn walii galtee dhaabbataa abbootiin isaanii isaa wajjin galanii turan akka cabsan isaanitti himeera. (Baʼuu 24:7) Yihudoonni Uumaa isaanii waaqeffachuu mannaa, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu eegalan. Gantummaan kun immoo, ijoollee isaanii aarsaa godhanii dhiheessuu dabalatee, hammeenyi gosa hundumaa akka babalʼatu godheera!—Ermiyaas 7:31.

 “Kunoo, ani badiisa . . . isaanitti nan fida.” Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee Waaqayyo wanta tokko akka raawwate yommuu dubbatu, wanti sun akka taʼu akka heyyame kan argisiisu akka taʼe ibsa. Haala kana ilaalchisee akkas jechuu kan dandeenyu akkamitti? Gara waaqolii sobaatti garagaluu fi qajeelfama Yihowaa isa isaan fayyadu tuffachuudhaan, sabni isaa dararama hangana hin jedhamne of irratti fidaniiru. Kana malees, eegumsa Waaqayyoo dhabaniiru. Kanaan kan kaʼes, diinni isaanii inni humna cimaa qabu, jechuunis mootiin Baabilon Yerusaalemin injifatee jiraattota ishii boojuudhaan fudhateera. Waaqoliin sobaa akka isaan oolchan itti amanamanii turan, isaan oolchuu hin dandeenye.—Ermiyaas 11:12; 25:8, 9.

 Waaqayyo wanti gaddisiisaan kun akka isaan irra gaʼu heyyamuun isaa, haqa kan jalʼisu ykn hamaa akka taʼe kan argisiisu miti. Yaaqoob 1:13, “Waaqayyo wanta hamaadhaan qoramuu hin dandaʼu; ofii isaatiis nama kam iyyuu wanta hamaadhaan hin qoru” jedha. Dhugaa isaa dubbachuuf garuu, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo Yihudootatti ‘badiisa akka fide’ dubbata. Haa taʼu malee, jechi Ermiyaas 11:11 irratti “badiisa” jedhamee hiikamee fi afaan jalqaba ittiin barreeffamee b “balaa” ykn “dhaʼicha” jedhamees hiikamuu dandaʼa; jechi kunimmoo darara Yihudoota irra gaʼe akka gaariitti kan ibsudha.

 “Gargaarsa argachuuf yommuu na waammatan, ani isaan hin dhagaʼu.” Yihowaan kadhannaa namoonni ‘harki isaanii dhiigaan guutamee’ ykn namoota akka isaan oolchaniif waaqolii sobaatti amanamanii hin dhagaʼu. (Isaayyaas 1:15; 42:17) Haa taʼu malee, kadhannaa namoota karaa isaanii isa hamaatiif garaadhaa qalbii geddaratanii fi gad of qabuudhaan gara isaatti deebiʼanii ni dhagaʼa.—Isaayyaas 1:16-19; 55:6, 7.

Yaada naannoo Ermiyaas 11:11

 Dhaloota Kiristoos Dura bara 647​tti Yihowaan Ermiyaas raajii taʼee akka tajaajilu isa ergee ture. Ermiyaas waggaa 40f badiisa Waaqayyoo biraa isaanitti dhufaa jiru ilaalchisee sabicha akeekkachiisaa tureera. Isaan garuu dhagaʼuu didan. Raajichi yaada Ermiyaas 11:11 irra jiru kan barreesse yeroo sanatti ture. Dhuma irratti Dh.K.D. bara 607​tti, yeroo warri Baabilon Yerusaalemin balleessanitti akeekkachiisni raajiidhaan dubbatame kun raawwatameera.—Ermiyaas 6:6-8; 39:1, 2, 8, 9.

 Kitaabni Ermiyaas ergaa abdiis qabateera. Yihowaan akkana jedheera: “Waggaan 70​ni Baabilonitti dabarsitan yommuu xumuramu, . . . gara iddoo kanaatti [biyya dhalootaa Yihudootaatti] isin deebisuudhaanis waadaan gale nan raawwadha.” (Ermiyaas 29:10) Yihowaan Dh.K.D. bara 537​tti warri Medoonii fi Faares warra Baabilon erga injifatanii booda waadaa gale sana ‘raawwateera.’ Yihowaan sabni isaa warri bulchiinsa Baabilon keessa tatamsaʼanii jiran, gara biyya dhalootaa isaaniitti deebiʼanii waaqeffannaa dhugaa akka iddoo isaatti deebisan isaaniif heyyameera.—2 Seenaa Baraa 36:22, 23; Ermiyaas 29:14.

 Viidiyoo qabiyyee kitaaba Ermiyaas gabaabsee ibsu kana ilaali.

a Maqaan Yihowaa jedhu Afaan Oromootiin maqaa baramaa Waaqayyoo Afaan Ibrootaatiin ittiin waamamudha. Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun maqaa Waaqayyootiin fayyadamuu mannaa, maqaa ulfinaa Gooftaa jedhutti maaliif akka fayyadaman beekuuf mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

b Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa barsiifataan Kakuu Moofaa jedhamee beekamu, jalqaba Afaan Ibrootaa fi Afaan Aaraamiin barreeffame.