Dhimma ijoo ta'etti seeni

Walii Galtee

Walii Galtee

Baga Nagaan Dhufte!

Weebsaayitiin kun waaʼee Waaqayyoo, waaʼee Kitaaba Qulqulluu fi Dhugaa Baatota Yihowaa caalaatti akka barattu si gargaaruuf kan qophaaʼedha. Weebsaayitii kanarraa wanta barbaadde dubbisuu, daawwachuu fi buufachuu dandeessa. Namoonni kaanis weebsaayitii keenya kanarraa akka fayyadaman waan barbaannuuf maaloo qabiyyeewwan isaa weebsaayitii ykn appilikeeshinii kan biraarratti hin baasin. Walii Galtee kanatti aanee jirurratti akkuma ibsame wanta baratte warra kaaniif qooduu yoo barbaadde weebsaayitii kana akka daawwatan isaan affeeruu dandeessa.

 Mirga Abbummaa

© 2024 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania. Mirgi abbummaa seeraan eegamaadha.

Weebsaayitiin kun kan qophaaʼuu fi kan sirreeffamu Watchtower Bible and Tract Society of New York, Inc (“Watchtower”) dhaani. Ibsi gara biraan yoo kenname malee, barreeffamni hundii fi odeeffannoo gara biraan weebsaayitii kanarratti argamu qabeenya Watchtower Bible and Tract Society of New York, Inc (“Watch Tower”) ti.

 Mallattoo Daldalaa

Adobe fi mallattoon isaa, akkasumas Acrobat fi mallattoon isaa mallattoo daldalaa Adobe Systems Incorporated jedhamu ittiin beekamudha. Apple, iTunes fi iPod mallattoo daldalaa Apple Inc ti. Microsoft fi mallattoon isaa, akkasumas Microsoft Office fi Microsoft Office 365 dabalatee maqaan sooftiweerii fi oomisha Maayikiroosooftii kamiyyuu mallattoo daldalaa Microsoft Inc ti. Android mallattoo daldalaa Google LLC ti. Roobootiin Andirooyidii kan of baayʼisu ykn kan fooyyeffamu hojii kalaqamerraa yeroo taʼu, Googledhaan ergamee akka walii galtee Creative Commons 3.0 Attribution License (https://creativecommons.org/licenses/by/3.0/us/) keessatti ibsametti hojiirra oola. Mallattoowwan kan biroo fi mallattoowwan daldalaa galmeeffaman hundi qabeenya warra kaaniiti.

 Walii Galtee fi Heyyama Itti Fayyadama Weebsaayitii Kanaa

Walii Galteen kun akkaataa ati weebsaayitii kanatti itti fayyadamtu kan murteessudha. Weebsaayitii kanatti fayyadamuun kee Walii Galtee kanaa fi Walii Galtee Dabalataa (walumatti, “Walii Galtee”) weebsaayitii kana keessatti ibsaman guutummaatti fudhachuu kee argisiisa. Guutummaa Walii Galtee kanaa ykn muraasa isaarratti walii hin galtu taanaan, weebsaayitii kanatti fayyadamuu hin qabdu.

Weebsaayitii kana karaa seera qabeessa taʼeen itti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? Seera gaditti ibsaman utuu hin cabsin wantoota armaan gadii gochuu dandeessa:

  • Fakkiiwwan, barreeffamoota bifa elektiroonikiitiin qophaaʼan, muuziqaa, suuraa, barreeffamaa fi viidiyoowwan qabeenya Watch Tower taʼan dhimma daldalaatiif utuu itti hin fayyadamin weebsaayitii kanarraa dhuunfaa keetti daawwachuu, buufachuu fi maxxansuu dandeessa.

  • Barreeffamoota bifa elektiroonikiitiin qophaaʼan, viidiyoowwan ykn wantoota sagalee qofaan waraabamanii fi weebsaayitii kanarra jiran buustee erguu ykn liinkii isaa warra kaaniif erguu dandeessa.

Wantoota hin heyyamamne:

  • Fakkii, barreeffamoota bifa elektiroonikiitiin qophaaʼan, mallattoo daldalaa, muuziqaa, suuraa, viidiyoo ykn mata dureewwan weebsaayitii kanarraa fudhataman intarneetiirratti baasuu (weebsaayitii kamirrattiyyuu, weebsaayitiiwwan faayilaa fi viidiyoo erguuf gargaaran ykn weebsaayitii hawaasaarratti).

  • Fakkii, barreeffamoota bifa elektiroonikiitiin qophaaʼan, mallattoo daldalaa, muuziqaa, suuraa, barreeffama ykn viidiyoo weebsaayitii kanarraa fudhataman sooftiweerii kamiyyuu wajjin wal qabsiisanii ykn itti dabalanii raabsuu (sooftiweeronni kun wantoota weebsaayiticharra jiran akka fayyadaman gochuuf sarvariirratti feʼuus ni dabalata).

  • Fakkii kamiyyuu, barreeffamoota bifa elektiroonikiitiin qophaaʼan, mallattoo daldalaa, muuziqaa, suuraa, barreeffama ykn viidiyoowwan weebsaayitii kanarra jiran dhimma daldalaatiif ykn qarshii argachuuf (buʼaa kan hin argamsiisne yoo taʼellee) baayʼisuu, koppii gochuu, raabsuu ykn itti fayyadamuu.

  • Sooftiweerii, sagantaawwan ykn teeknikoota weebsaayitii kanarraa faayiloota HTML, fakkiiwwan ykn barreeffamoota walitti qabuuf, koppii gochuuf, buusuuf, extract, harvest ykn scrape gochuuf gargaaran kamiyyuu qopheessuu fi raabsuu (kun appilikeeshinoota dhimma daldalaatiif hin oollee fi faayiloota bifa elektiroonikiitiin qophaaʼan kan akka EPUB, PDF, MP3, fi MP4 kutaa weebsaayitii kanaa namni hundi itti fayyadamuu dandaʼurraa buusuuf gargaaran raabsuu hin dabalatu.)

  • Weebsaayitichas taʼe tajaajila isaa karaa ifatti taaʼeen itti fayyadamuu dhiisuudhaan mala adda addaatti fayyadamuu fi weebsaayitichi sirriitti akka hin hojjenne haala godhuun itti fayyadamuuf yaaluu.

  • Weebsaayitii kana karaa weebsaayiticha ykn akkaataa itti hojjetu ykn itti fayyadama isaa karaa hubuun ykn hubuu dandaʼuun itti fayyadamuu; yookiin karaa dhorkaa, seeraan ala, soba ykn miidhaa geessisuu dandaʼuun ykn kaayyoo kana wajjin wal qabateef itti fayyadamuu.

  • Weebsaayitii kana ykn fakkiiwwan isarraa fudhataman kamiyyuu, barreeffamoota bifa elektiroonikiitiin qophaaʼan, mallattoo daldalaa, muuziqaa, suuraa, barreeffama ykn viidiyoowwan kaayyoo daldalaa wajjin wal qabate kamiifiyyuu itti fayyadamuu.

  • Weebsaayitiin kun tajaajila qaama sadaffaa toʼannaa keenyaan ala taʼe, jechuunis tajaajila Google Maps fayyadama. Weebsaayitii kanarratti itti fayyadamni Google Maps kee toʼannaa Google Maps/Google Earth Additional Terms of Service isa ammaa jala jira. Walii Galtee Tajaajilaa (Terms of Service) kana yeroo haaressan waan nu hin beeksisneef tajaajila Google Maps fayyadamuu kee dura maaloo walii galtee kana irra deebiʼii ilaali. Walii Galtee Tajaajilaa kana hin fudhattu taanaan tajaajila Google Maps hin fayyadamin. Google Maps irraa daataan nama tokkoo gara weebsaayitii kanaatti hin deebiʼu.

 Odeeffannoo Yaalii Fayyaa

Kaayyoon qabiyyee weebsaayitii kanaa waaʼee yaalii fayyaa qabate (“Medical Section”) odeeffannoo kennuu qofadha; gorsa yaalii fayyaa hin kennu, akkasumas gorsaa fi qorannoo fayyaa ykn walʼaansa ogeeyyonni fayyaa kennan kan bakka buʼu miti. Kutaan odeeffannoo yaalii fayyaa kennu kun qorannoo gosa kamiyyuu, ogeeyyota fayyaa, oomisha, mala yaalii fayyaa, ilaalcha ykn odeeffannoo kutaa kana keessatti ibsame kan biraa namoonni akka fayyadaman hin gorsu ykn hin jajjabeessu.

Dhukkuba ykn yaalii fayyaa tokko ilaalchisee gaaffii yoo qabaatte yeroo hunda ogeessa fayyaa ykn nama dandeettii qabu kan biraa gorsa gaafadhu.

Weebsaayitiin kun kutaa Odeeffannoo Yaalii Fayyaa jedhu keessatti odeeffannoo sirrii fi yeroon itti hin darbine kennuuf carraaqqii godha. Haa taʼu malee, odeeffannoon karaa kutaa Odeeffannoo Yaalii Fayyaa argattu kan dhihaate “AKKUMA JIRUTTI” dha; kallattiidhaanis taʼe al kallattiidhaan wabii hin kennu. Weebsaayitiin kun kutaa Odeeffannoo Yaalii Fayyaa wajjin wal qabatee kallattiidhaanis taʼe al kallattiidhaan wabii hin kennu; kunis sadarkaa isaa kan eeggate taʼuu isaa fi kaayyoo tokkoof gaʼumsa qabaachuu isaa ilaalchisee al kallattiidhaan wabii kennuu dhiisuu dabalata. Kana malees, weebsaayitiin kun odeeffannoon kutaa Odeeffannoo Yaalii Fayyaa jedhu jalatti baʼu kamiyyuu amansiisaa, sirrii, yeroo isaa kan eeggate, faayida qabeessa ykn guutuu taʼuu isaatiif wabii hin kennu. Weebsaayitiin kun dogoggora ykn hirʼina odeeffannoo qabiyyee Odeeffannoo Yaalii Fayyaa jedhu jala jiru kamiifiyyuu itti hin gaafatamu. Odeeffannoo qabiyyee kana jala jiru kamiyyuu amanuu fi dhiisuun mirga keeti. Weebsaayitiin kun himata ykn miidhaa kutaa Odeeffannoo Yaalii Fayyaa jedhu fayyadamuudhaan ykn fayyadamuu dadhabuudhaan uumamu (miidhaa yeruma sanaa fi yeroo booda gaʼu, miidhaa dhuunfaatti nama irra gaʼu/duʼa, buʼaa argachuu qaban dhabuu ykn miidhaa odeeffannoon baduu ykn hojiin addaan cituu isaatiin kan kaʼe gaʼu dabalatee) kamiifiyyuu itti hin gaafatamu. Himanni ykn miidhaan kun wabiirratti, walii galteerratti, gocha dogoggoraa ykn seerarratti kan hundaaʼe taʼus taʼuu baatus ykn weebsaayitiin kun waaʼee dhimmichaa beekus beekuu baatus itti hin gaafatamu.

 Wabii Kennuu Dhiisuu fi Itti Gaafatamummaa

Weebsaayitiin kunii fi odeeffannoon hundi, qabiyyeen isaa, wantoonni qophaaʼanii fi tajaajilli kan biroon karaa weebsaayitii kanaa dhihaatan Watchtoweriidhaan kan qophaaʼan “akkuma jirutti” dha. Watchtoweriin kallattiidhaanis taʼe al kallattiidhaan bakka buʼiinsa ykn wabii hin kennu.

Watchtoweriin weebsaayitichi vaayirasii ykn wantoota miidhaa geessisan kan biroorraa bilisa taʼuu isaatiif wabii hin kennu. Watchtoweriin miidhaa yeroo weebsaayitii kanatti fayyadaman uumamuuf ykn odeeffannoo, qabiyyee, wantoota qophaaʼan ykn tajaajila kan biraa karaa weebsaayitii kanaa dhihaate kamiifiyyuu itti hin gaafatamu; kana malees miidhaa kallattiidhaanis taʼe al kallattiidhaan, akkasumas akka tasaa uumamuuf, adabaa fi miidhaa kana wajjin wal qabataniif (buʼaa argachuu qaban dhabuu dabalatee) itti hin gaafatamu.

 Walii Galtee Diiguu

Walii Galtee kana jalatti mirga Watchtower qabu wajjin utuu walii galtee jirtuu, karaa kamiiniyyuu Walii Galtee kana yoo cabsite, Watchtoweriin tarkaanfiiwwan kan akka kanatti aananii jiranii fudhachuu dandaʼa: Yeroodhaaf weebsaayitichatti akka ati itti hin fayyadamne gochuu, tasumaa akka ati weebsaayitichatti hin fayyadamne gochuu, koompiitaroonni teessoo IP kee qaban weebsaayiticha akka hin banne gochuu, qaamni tajaajila intarneetii siif kennu weebsaayitichatti akka ati hin fayyadamne akka godhu gaafachuu ykn tarkaanfii seeraa sirratti fudhachuu dandaʼa.

 Jijjiirama

Watchtoweriin Walii Galtee kanarratti yeroo yerootti jijjiirama gochuu dandaʼa. Jijjiiramni Walii Galtee kanarratti godhamu guyyaa Walii Galteen inni haareffame weebsaayiticharratti hojiirra ooluu jalqabee kaasee hojjeta. Wanta haaraa beekuuf akka si dandeessisuuf maaloo yeroo yerootti fuula kana ilaali.

 Seeraa fi Aangoo

Walii galteen itti fayyadama weebsaayitii kanaa ilaalchisee baʼe kun, seerri kan biraan walii galtee kana faallessu yoo jiraates kan ilaalamu ykn hojii irra kan oolu akka seera State of New York, U.S.A. ttidha. Dhimmi Walii Galtee kanaa wajjin wal qabate hundi gara mana murtii fedaraalaa State of New York, U.S.A. keessatti aangoo qabuutti dhihaata.

 Walii Galtee Hundi Kan Ilaalaman Tokko Tokkooni

Seerri Walii Galtee kanaaf baʼe tokko qaama aangoo qabuu fi dhimmicha ilaaleen yoo gatii dhabe, yoo kufe, hojiirra ooluu kan hin dandeenye yoo taʼe ykn deggarsa seeraa akka hin qabnetti yoo ilaalame seerawwan Walii Galtee kana ilaalchisee baʼan kaan hojiirra ooluu isaanii itti fufu. Watchtoweriin Walii Galtee kana keessaa seera isa tokko raawwachiisuu yoo dadhabe seerawwan akkasii akka dhiise ykn mirga seerawwan kana raawwachiisuu akka dhabetti ilaalamuu hin qabu.

 Walii Galtee Walii Galaa

Walii Galteewwan kun itti fayyadama weebsaayitii kanaa ilaalchisee walii galtee siʼii fi Watchtower gidduu jiru kan murteessuu fi walii galteewwan itti fayyadama weebsaayitii kanaa ilaalchisee kanaan dura turan kan bakka buʼudha.