Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa: Obboleessa keenya Yeevgenii Isteefooniitefadiin. Mirga: Obboleessa keenya Aleeksaandar Vootyookoov

EBLA 23, 2024
RAASHIYAA

Yihowaa Tajaajiluu Dandaʼuu Isaatti ni Galateeffata

Yihowaa Tajaajiluu Dandaʼuu Isaatti ni Galateeffata

Manni Murtii Koonyaa Piyervoomooskii inni magaalaa Iizyefiski Rippablika Udmuurtiyaanitti argamu dhiheenyatti dhimma obboloota keenya Yeevgenii Isteefooniitefadiinii fi Aleeksaandar Vootyookoov irratti murtoo dabarsa jedhamee eegama. Abbaan alangaa murtoo akkamii akka isaanirratti dabarsu ammayyuu hin beeksisne.

Ibsa Gabaabaa

Akkuma Aleeksaandarii fi Yeevgenii bara jireenyaa keenya hundumaatti ‘sodaa malee tajaajila qulqulluu dhiheessinu’ dandaʼuu keenya akka mirga guddaatti ilaalla.—Luqaas 1:74, 75.

Chaartii Yeroo

  1. Ebla 14, 2021

    Humnoonni nageenyaa yommuu manni Yeevgenii sakattaʼamu hordofaniiru

  2. Muddee 13, 2022

    Aleeksaandarii fi Yeevgenii irratti himanni yakkaa ni baname

  3. Muddee 14, 2022

    Poolisoonni manneen lamaan isaanii sakattaʼan. Aleeksaandar mana hidhaa yeroodhaaf keessa tursiifamanitti geeffame. Yeevgeniinimmoo akka hin imalle dhorkame

  4. Muddee 15, 2022

    Aleeksaandar mana hidhaa yeroodhaaf keessa tursiifaman keessaa gadhiifamee manaa akka hin baane dhorkame

  5. Waxabajjii 9, 2023

    Aleeksaandar dhorkaan manaa akka hin baane isa irratti godhame kan isaaf kaʼe taʼus, akka hin imalle dhorkame

  6. Hagayya 17, 2023

    Himanni isaan irratti baname mana murtiitti ilaalamuu jalqabe