Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii keenya Yeeleenaa Koozhevniikoovaa

BITOOTESSA 6, 2024
RAASHIYAA

Obboleettii Keenya Yeeleenaa Koozhevniikoovaa Hidhaan Daangaa Waggaa Lamaa Ishiitti Murteeffame

Obboleettii Keenya Yeeleenaa Koozhevniikoovaa Hidhaan Daangaa Waggaa Lamaa Ishiitti Murteeffame

Bitootessa 4, 2024, Mana Murtii Godinaa Sentiroonii Toolyootii inni Naannoo Samaara jiru, obboleettii keenya Yeeleenaa Koozhevniikoovaan yakkamtuu akka taate ishiitti murteesse. Hidhaan daangaa waggaa lamaa ishiitti murteeffameera. Yeroo ammaatti mana hidhaa galuun ishii hin barbaachisu.

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan Yeeleenaa dabalatee obbolootaa fi obboleettota keenya ariʼatama dandamachaa jiran hundaaf, “karaa hafuura isaa humna” isaaniif kennuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu beekuu keenyatti guddaa galateeffanna.—Efesoon 3:16.

Chaartii Yeroo

  1. Caamsaa 15, 2023

    Himanni yakkaa ishii irratti baname

  2. Caamsaa 16, 2023

    Manni ishii ni sakattaʼame

  3. Caamsaa 18, 2023

    Akka hin imalle dhorkamte

  4. Hagayya 16, 2023

    Himanni ishii irratti baname mana murtiitti ilaalamuu jalqabe

  5. Bitootessa 4, 2024

    Yakkamtuu akka taate itti murteeffame; hidhan daangaa waggaa lamaa ishiitti murteeffame

a Yaanni obboleettii keenya Yeeleenaa kan fudhatame hidhamuu ishii duradha.