Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi keenya Oleegi mana hidhaatii erga baʼee booda haadha manaa isaa Naataaliyaa wajjin

BITOOTESSA 5, 2024
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Oleegi Daaniiloov Mana Hidhaa Raashiyaatii Hiikame

Obboleessi Keenya Oleegi Daaniiloov Mana Hidhaa Raashiyaatii Hiikame

Bitootessa 1, 2024, obboleessi keenya Oleegi Daaniiloov waggaa sadii mana hidhaa Raashiyaatti erga dabarsee booda hiikameera.

Obboleessi keenya Oleegi hidhaan utuu isarratti hin murteeffamin dura, yoo hidhame wanta gochuu qabu murteessee akka ture dubbateera. Akkana jedheera: “Yaada Phaawulos Filiphisiyus 4:4 isa, ‘Yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas irra deebiʼeen dubbadha, gammadaa!’ jedhu irratti xiinxaleera. Phaawulos yaada kana kan barreesse yeroo mana hidhaa turettidha. Phaawulos hariiroon inni Yihowaa wajjin qabuu fi amanannaan inni isarratti qabu baayʼee cimaa waan tureef hidhamullee gammachuu isaa hin dhabne. Anis akkasuma gochuu waanan barbaaduuf, wanti kamiyyuu gammachuu koo akka na dhabsiisu heyyamuu hin barbaadu.”

Murtoon Oleegi gammachuu isaa eegee itti fufuuf godhe, yeroo hidhamettii fi maatii isaa irraa adda baafametti qoramee ture. Keessumaa cidha gaaʼelaa ilma isaa hangafaa irratti utuu hin argamin hafuun isaa baayʼee isa gaddisiisee ture. Haati manaa isaa Naataaliyaan wanta isa gargaare akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Oleegi wanta utuu hin argatin hafe irratti yaaduu isaa yoo itti fufe, murtoo isaa laaffisuu fi gammachuu isaa dhabuu akka dandaʼu hubate. Kanaafuu wanta argate irratti, jechuunis hariiroo Yihowaa wajjin qabu, gargaarsa hafuura qulqulluu, jaalala maatii isaa, michoota isatti dhihaatanii fi obboloota addunyaa mararra jiranii fi isa jaallatanirraa argatu irratti yaaduu isaa itti fufe. Wantoota dhaberratti yaaduu mannaa wanta amma qaburratti xiinxaluu jalqabe.”

Oleegii fi Naataaliyaan ilmaan isaanii lamaanii fi haadha manaa ilma isaanii wajjin

Naataaliyaan fakkeenyi Oleegi ilmaan isaanii akkamitti akka gargaare yommuu ibsitu akkana jetteetti: “Dhiphina abbaan isaanii keessa darbee fi Yihowaan maatii keenya akkamitti akka gargaare arguun isaanii, amantii Yihowaarratti qabanii fi jaalala obboloota addunyaa maraatiif qaban caalaatti isaaniif cimseera. Jireenya isaanii keessatti isa yeroo kamiiyyuu caalaa, waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kennuuf murtoo cimaa godhaniiru.”

Oleegii fi maatiin isaa deebiʼanii wal arguun isaanii baayʼee nu gammachiiseera. Fakkeenyi Oleegi, sababa amantii keenyaan dhiphinni yoo nurra gaʼellee, hafuurri Yihowaa akka nu gargaaru waan amannuuf gammadoo taanee itti fufuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa.—1 Pheexiros 4:14.