Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Antoon Virich

CAAMSAA 7, 2024
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Antoon Virich Waggaa Jaʼaa fi Jiʼa Lama Akka Hidhamu Itti Murtaaʼe

Obboleessi Keenya Antoon Virich Waggaa Jaʼaa fi Jiʼa Lama Akka Hidhamu Itti Murtaaʼe

Ebla 25, 2024​tti, Manni Murtii Godinaa Poozihaariskii Naannoo Priimooriyee Obboleessa keenya Antoon Virichitti waggaa jaʼaa fi jiʼa lama murteesseera. Adoolessa 11, 2023 irraa eegalee mana hidhaa kan jiru siʼa taʼu achuma tura.

Ibsa Gabaabaa

Qorumsa keessatti jabaannee dhaabbachuudhaan jaalala Yihowaadhaaf qabnu yoo argisiisne isa biratti fudhatama akka argannuu fi akka inni nu eebbisu beekuun nama jajjabeessa.—Yaaqoob 1:12.

Chaartii Yeroo

  1. Guraandhala 11, 2021

    Himanni yakkaa ni baname

  2. Sadaasa 9, 2021

    Antoonitti utuu hin beeksisin himanni isarratti banamee manaa akka hin baane dhorkame

  3. Adoolessa 11, 2023

    Poolisoonni sochii tiraafikaa yeroo toʼatanitti Antooniin dhaabsisanii baqachaa akka jiru itti himuudhaan toʼannaa jala isa oolchan. Achiis bakka yeroodhaaf itti tursiisan isa galchan

  4. Adoolessa 15, 2023

    Mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisaniifi magaalaa Luuchegoriskitti kiiloomeetira 4,700 fagaatee argamutti xiyyaaraan isa geessan

  5. Sadaasa 7, 2023

    Himanni yakkaa mana murtiitti ilaalamuu jalqabe

  6. Ebla 25, 2024

    Yakkamaadha jedhamee hidhaan waggaa jaʼaa fi jiʼa lamaa itti murtaaʼe