Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Aleeksaandarii fi haadha manaa isaa Yekaatarinaa

BITOOTESSA 1, 2024
RAASHIYAA

Obboleessi Aleeksaandar Chagoon Hidhaan Waggaa Saddeetii Itti Murtaaʼe

Obboleessi Aleeksaandar Chagoon Hidhaan Waggaa Saddeetii Itti Murtaaʼe

Guraandhala 29, 2024 Manni Murtii Tooliyaatii Aanaa Seentiraalinii Naannoo Samaaratti argamu obboleessa keenya Aleeksaandar Chagoon waggaa saddeet akka hidhamu itti murteesse. Mana murtichaatii kallattiidhaan gara mana hidhaatti geeffameera.

Ibsa Gabaabaa

Obboleessa keenya Aleeksaandarii fi obboloota maqaa isaatiif hinaaffaa argisiisuu isaanii itti fufan hundarratti Yihowaan ‘fuula isaa akka ibsu’ kadhachuu keenya itti fufna.—Faarfannaa 119:135, 139.

Chaartii Yeroo

  1. Bitootessa 4, 2022

    Manni isaa ni sakattaʼame

  2. Fulbaana 14, 2022

    Himanni yakkaa isa irratti baname

  3. Fulbaana 21, 2022

    Manni isaa yeroo lammaffaatiif ni sakattaʼame

  4. Fulbaana 22, 2022

    Qorannaan irratti geggeeffamee halkanuma sana mana hidhaa gale

  5. Fulbaana 23, 2022

    Erga hiikamee booda, akka hin imalle dhorkame

  6. Hagayya 23, 2023

    Himanni yakkaa ishii irratti dhihaate ilaalamuu jalqabe

  7. Guraandhala 29, 2024

    Yakkamaa akka taate itti murteeffamee, waggaa saddeet akka hidhamu itti murteeffame

a Obboleessi Aleeksaandar yaada kana kan kenne mana hidhaa galuu isaa duradha.