Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii Anaa Mativeeyevaa

CAAMSAA 14, 2024
RAASHIYAA

“Ajajamuun Eebba Argamsiisa”

“Ajajamuun Eebba Argamsiisa”

Manni Murtii Magaalaa Lesoosibiriiski Naannoo Kiraasnaayaariskii, dhiheenyatti dhimma Obboleettii Anaa Mativeeyevaa irratti murtoo ni dabarsa. Abbaan alangaa wanta akka isarratti murteeffamu barbaadu ifa hin goone

Ibsa Gabaabaa

Nutis akkuma Anaa yaadachiisawwan Yihowaatiif xiyyeeffannaa kenninaan yeroo hunda gammachuu akka argannu beekuu keenyaaf baayʼee galateeffanna.—Faarfannaa 119:111, 112.

Chaartii Yeroo

  1. Sadaasa 25, 2021

    Abbootiin taayitaa gara waggaa tokkootiif dhoksaadhaan obboloota erga waraabanii booda Lesoosibiriiskitti mana Anaa dabalatee manneen Dhugaa Baatota Yihowaa jaʼa ni sakattaʼame

  2. Amajjii 30, 2023

    Himanni yakkaa ishii irratti baname

  3. Guraandhala 17, 2023

    Akka hin imalle dhorkamte

  4. Mudde 29, 2023

    Himanni yakkaa ishii irratti dhihaate mana murtiitti ilaalamuu jalqabe