Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAAMSAA 15, 2024
ARJANTIINAA

Agarsiisa Addaa Ariʼatama Naaziin Dhugaa Baatota Yihowaarra Geessise Ibsuu fi Arjantiinaatti Qophaaʼe

Agarsiisa Addaa Ariʼatama Naaziin Dhugaa Baatota Yihowaarra Geessise Ibsuu fi Arjantiinaatti Qophaaʼe

Ebla 3, 2024, argisiisni yeroo muraasaaf turuu fi mata duree “Rogsadee Bifa Bildiimaa: Seenaa ija jabinaa fi Obsaa” jedhu qabu Holokasti Muuziyam Boonas Aarees, Arjantiinaatti banameera. Argisiisni kun hanga Hagayya 4, 2024​tti banaa tura.

Dhugaa Baatonni Yihowaa 16,000 ol taʼan waraana irratti hirmaachuu waan didaniif warra Naaziitiin ariʼatamni isaanirra gaʼeera. Gara 4,500 kan taʼan mana hidhaa hojiin humnaa itti hojjetamutti ergamaniiru; kanneen keessaa 1,750 kan taʼan achitti duʼaniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa kaampicha keessatti rogsadee bifa bildiimaa qabuu fi yuunifoormii isaanii irratti hodhameen beekamu turan.

Agarsiisni kutaa sadii qabu kun odeeffannoo seenaa fi namoota wanta yeroo sana raawwate beekan gaafachuudhaan, ija jabinaa fi Obsaa Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota bulchiinsa Naaziitiin qabaman keessa turan argisiisan ibsa. Ibsa oodiyoo, iskiriinii tuquudhaan ilaalanii fi viidiyoo hedduun Afaan Mallattoo Arjantiinaa, Ingiliffaa fi afaan Ispaanishiitiin qophaaʼaniiru. Namoonni warra argisiisicha ilaaluu dhaqan qajeelchanis bakka sana jiru.

Bitaa: Dubartii daawwattoota argisiisicha daawwachuuf deeman dawwachiisuuf iscriinii xuxuqamutti fayyadamaa jirtu tokko. Gidduu: Daawwataa suuraa yuunifoormii mana hidhaa kaafachaa jiru. Mirga: Daawwattoota geggeessaa oodiyootiin daawwachaa jiran lama

Dookmantii afaan Ispaanishitti hiikamee fi amantii yoo ganan akka hiikaman ibsu

Argisiisichi dookmantii Naaziin Dhugaa Baatota ejjennoo isaanii akka laaffisan gochuuf itti fayyadame tokkos qabateera. Obboloonnii fi obboleettonni dookmantii Yihowaa fi sabasaa ganuu isaanii ibsurratti mallatteessuudhaan akka hiikaman al baayʼee dhiibbaan isaanirratti godhama ture. Garuu Dhugaa Baatota baay‵ee muraasa qofatu mallatteesse. Kutaan argisiisa kanaa xiyyeeffannaa namaa hawwatu tokko, daawwattoonni haalichi Dhugaa Baatota Yihowaatiif hangam ulfaataa akka ture tilmaamuuf wanta taʼe tokko akka godhan isaan affeera. Daawwattoonni dookmantii sana erga ilaalanii booda mallatteessuu diduuf ija jabinaa fi Obsaa hangamii akka gaafatu akka irratti xiinxalan jajjabeeffamu.

Holokaast ilaalchisee qorattuu addaa kan taate Piroofeesar Isaabeel Barnestiin argisiisa kana erga daawwattee booda wanta qorannaa geggeessite irraa hubatte akkas jechuudhaan ibsiteetti. “Argisiisni kun daawwattoonni Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii isaanii ganuu akkamitti akka didan, akkasumas daandii sirriidha jedhanii filataniif waldhaansoo isaan godhan hubachuuf kan gargaarudha. Addunyaa namoonni wanta sirrii taʼeef dantaa hin qabne fakkaatu keessatti seenaan isaanii amala gaarii ta‵e argisiisuuf akka dhaabbannu kan nu kakaasudha.”

Obboloonnii fi obboleettonni hedduun argisiisicha doʼachiisuu irratti hirmaataniiru

Argisiisni kun erga banamee kaasee namoonni 8,400 ol daawwataniiru. Obboleessi Maarkoos Doonaldoo inni Arjantiinaatti dubbii himaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼe akkas jedheera: “Argisiisni kun namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin beekne seenaa keenyaa fi amantii keenya caalaatti beekuuf kan isaan gargaarudha. Kun baay‵ee kan nu gammachiise yeroo taʼu, namoonni hedduun argisiisa kana akka daawwatanis ni abdanna.”

Argisiisa ija jabinaa fi Obsaa Dhugaa Baatota Yihowaa ibsuuf qophaaʼe kanaaf baayʼee galateeffanna. Fakkeenya namoonni amanamoo taʼan argisiisan kun ‘hamma dhumaatti cimnee’ dhaabbachuuf kan nu kakaasu haa taʼu.—1 Qorontos 1:8.