Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAAMSAA 8, 2024
ODUU ADDUNYAA MARAA

Bokkaa Yandoon Keeniyaa fi Taanzaaniyaatti Roobe Lolaa Cimaa Geessise

Bokkaa Yandoon Keeniyaa fi Taanzaaniyaatti Roobe Lolaa Cimaa Geessise

Ebla 2024​tti, bokkaa yandoon Keeniyaa fi Taanzaaniyaatti roobe lolaa cimaa geessiseera. Keeniyaa keessatti namoonni 185,000 ol taʼan qeʼee isaaniirraa kan buqqaʼan yeroo taʼu gara 200 kan taʼan immoo lubbuu isaanii dhabaniiru. Taanzaaniyaa ishee ollaa Keeniyaa taatettimmoo namoonni 200,000 qeʼee isaaniirraa akka buqqaʼanii fi gara 200 kan taʼan akka duʼan tilmaamama. Torbanoota itti aananittis bokka cimaan ni rooba jedhamee eegama.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Kan nama gaddisiisu, obboleettiin 1 fi intalli ishii duʼaniiru

  • Babalʼistoonni 59 qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 14 irra miidhaan gaʼeera

  • Galmawwan walgaʼii 3 fi mana barumsaa tiʼookraasii 1 irra miidhaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Ilaaltonni olaanoo aanaa fi jaarsoliin naannichaa warra balaa lolaa kanan miidhamaniif karaa hafuuraas taʼe karaa qaamaa gargaarsa gochaa jiru

Obbolootaa fi obboleettota keenya balaa uumamaa kanaan miidhamaniif ni kadhanna. Amma kan jiraannu yeroo baayʼee rakkisaa taʼe keessa taʼus, yeroo dhihootti yeroon itti homaa ‘hin sodaannee fi sababa itti jeeqamnu hin qabaanne’ akka dhufu amantii qabna.—Isaayyaas 54:14.