Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seerri Waaqayyoo Qulqullina Ilaalchisee Kenname Bara Sana kan Durse Dha

Seerri Waaqayyoo Qulqullina Ilaalchisee Kenname Bara Sana kan Durse Dha

 Sabni Israaʼel gara jaarraa 35 dura Biyyattii Abdachiifamtetti galuu isaanii yeroo muraasa dura, Waaqayyo “dhukkuba hamaa” isaan biyya Gibxii keessatti beekan irraa akka isaan eegu dubbatee ture. (Keessa Deebii 7:15) Karaa kana itti godhe keessaa tokko, qulqullina eeggachuu, akkasumas dhukkuboota of irraa ittisuu fi akka hin babalʼanne gochuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe qajeelfama kennuu dha. Fakkeenyaaf:

  •   Seerri sabichaaf kenname qaama dhiqachuu fi uffata miiccachuu kan ajaju ture.—Lewwoota 15:4-27.

  •   Bobbaa namaa ilaalchisee Waaqayyo akkana jedheera: “Lafa itti bakkee baʼan iddoo buufataa duubatti qopheeffadhuutii achi dhaqi! Miʼa kee wajjin wanta qara qabu kan ittiin lafa haatee keessatti bakkee baatee ittiin biyyoo itti deebisuu dandeessu fudhadhu!”—Keessa Deebii 23:12, 13.

  •   Namoonni dhukkuba daddarbaadhaan akka qabaman yaadamu, yeroo muraasaaf namoota kaan irraa adda baafamu turan. Namoonni dhukkuba isaanii irraa fayyan kun uummatatti deebiʼuu isaanii dura, akka ‘qulqulluutti’ ilaalamuu yoo barbaadan uffata isaanii miiccachuu fi qaama isaanii dhiqachuu qabu turan.—Lewwoota 14:8, 9.

  •   Namni reeffa tuqe kam iyyuu namoota irraa adda ni baafama ture.—Lewwoota 5:2, 3; Lakkoobsa 19:16.

 Yaalii fayyaa fi qulqullina ilaalchisee seerawwan Israaʼelootaaf kennaman, beekumsa bara sana ture irra baayʼee kan caalan turan.

 Bara sanatti qulqullina ilaalchisee seerri boodatti hafaa taʼe bakka hundatti babalʼatee ture. Fakkeenyaaf:

  •   Bobbaan daandii irratti walitti qabama ture. Bishaanii fi nyaata faalame, balfaawwan kaan, namoonni hedduun akka dhukkubsatanii fi daaʼimman hedduun akka duʼan godhanii turan.

  •   Doktaroonni bara durii jarmootas taʼe wantoota dhukkuba fidan kan akka baakteeriyaa fi vaayirasii ilaalchisee beekumsi qaban xinnoo ture ykn homaa hin beekan turan. Warri Gibxii dhiiga lootuu, kosii allaattii, hantuuta duʼe, fincaanii fi daabboo same akka qorichaatti fayyadamu turan. Qorichawwan qopheessan keessatti bobbaa namaa fi kan horii balʼinaan ni fayyadamu turan.

  •   Bara duriitti warri Gibxii bishaanota Laga Abbayyaa fi boʼoowwan jalʼisii isaanii faalamaniin kan kaʼe paaraasaayitoota adda addaatiin ni dhukkubsatu turan. Haaluma wal fakkaatuun, daaʼimman biyya Gibxii hedduun dhukkuba garaa kaasaa fi dhukkuboota nyaata faalamaadhaan dhufan akkanaatiin kan kaʼe ni duʼu turan.

 Israaʼelonni garuu, ulaagaawwan Seera Waaqayyoo keessatti argaman hordofuu isaaniitiin kan kaʼe faayidaa argachuu fi warra kaan caalaa fayyaa qabaatanii jiraachuu dandaʼaniiru.