Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barreeffamoota Bara Durii Iddoo Gosni Israaʼel Jiraate Mirkaneessu

Barreeffamoota Bara Durii Iddoo Gosni Israaʼel Jiraate Mirkaneessu

 Kitaabni Qulqulluun Israaʼeloonni yommuu Biyyattii Abdachiifamte dhaalanii fi laficha gosa gosaan hiratanitti, gosoonni Minaasee kurnan gosoota warra kaan irraa addaan baʼuudhaan naannoo laga Yordaanos gara dhihaatiin qabatanii akka turan dubbata. (Iyaasuu 17:1-6) Ragaan arkiʼooloojii kun taʼuu isaa mirkaneessu jiraa?

 Bara 1910⁠tti, barreeffamni caccabaawwan okkotee irratti galmeeffame biyya Samaariyaatii qotamee baafamee ture. Caccabaawwan kun barreeffamoota afaan Ibrootaatiin galmeeffaman kan of keessatti qabate siʼa taʼu, wayinii fi dibataawwan dabalatee miʼawwan gara garaa gara mana mootummaa magaalaa guddoo biyya sanaatti fidaa akka turan ibsu qabateera. Walumaa galatti, caccabaawwan gara 102 taʼanii fi Dh.K.D jaarraa saddeettaffaa keessa barreeffaman argamanii turan; sirriitti kan dubbifaman garuu 63 qofa dha. Haa taʼuu malee, walitti qabaadhaan caccabaawwan 63 taʼan kun baraa fi maqaa qomoowwanii, akkasumas eenyummaa namoota miʼawwan daldalaa kanneen erganii fi fuudhanii ibsu.

 Hunda caalaa immoo, qomoowwan caccaba Samaariyaa irratti caqasaman kun hundi gosa Minaasee jalatti kan ramadamanii dha. Akka kitaabni NIV Archaeological Study Bible jedhutti, “kun qomoowwan Minaasee fi naannoo isaan qubatan ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu wajjin tokko taʼee fi ragaa Kitaaba Qulqulluudhaan alatti argamuu dha.”

Barreeffamni kun waaʼee dubartii Nohi jedhamtuu fi gosa Minaasee taatee dubbata.

 Akkasumas, caccabni Samaariyaa wanta Amoos inni barreessaa Kitaaba Qulqulluu taʼe, namoota sooreyyii bara sanatti jiraatan ilaalchisee: ‘Isaan daadhii waynii soondoodhaan dhuguuf, dibata isa keessaa caalu dibatu’ jechuudhaan dubbate sirrii taʼuu isaa argisiisa. (Amos 6:1, 6) Caccabni Samaariyaa miʼawwan daldalaa kun gara naannoo qomoowwan Minaasee qubataniitti dhugumaan ergamaa akka turan mirkaneessa.