Uumama 22:1-24

  • Abrahaam Yisihaaqiin aarsaa akka godhu itti himame (1-19)

    • Eebba karaa sanyii Abrahaam argamu (15-18)

  • Maatii Ribqaa (20-24)

22  Kana booda Waaqni dhugaan Abrahaamiin ni qore;+ “Yaa Abrahaam!” jedhee isa waame; Abrahaamis, “Kunoo asan jira!” jedhee deebise.  Achiis, “Maaloo, ilma kee tokkicha isa baayʼee jaallattu+ Yisihaaqiin+ fuudhii gara biyya Mooriyaa+ dhaqi; achittis gaarota ani sitti argisiisu keessaa isa tokko irratti aarsaa gubamu godhiitii isa dhiheessi” jedhe.  Abrahaamis ganama bariidhaan kaʼee harree isaa feʼate; achiis tajaajiltoota isaa lamaa fi ilma isaa Yisihaaqiin fudhatee kaʼe. Qoraan aarsaa gubamu sanaaf taʼu ni falaxe; achiis kaʼee gara bakka Waaqni dhugaan isatti argisiisetti qajeele.  Guyyaa sadaffaattis Abrahaam ol jedhee bakka jedhame sana fagootti arge.  Yeroo kanatti Abrahaam tajaajiltoota isaatiin, “Isin harree kanaa wajjin asuma turaa, anii fi mucichi garuu gamatti ceenee waaqeffannaa dhiheessinee gara keessanitti deebina” jedhe.  Kanaafuu, Abrahaam qoraan aarsaan gubamu itti dhihaatu sana fuudhee ilma isaa Yisihaaqiin baachise. Ibiddichaa fi halbee* sana immoo harka isaatti qabate; lamaan isaaniis waliin ni deeman.  Achiis Yisihaaq abbaa isaa Abrahaamiin, “Yaa abbaa koo!” jedhe. Innis, “Oo, yaa ilma koo!” jedhee isaaf deebise. Yisihaaqis itti fufuudhaan, “Ibiddii fi qoraanichi kunoo ti; hoolaan aarsaa gubamu taʼee dhihaatu garuu eessa jira?” jedhee isa gaafate.  Abrahaamis deebisee, “Yaa ilma koo, hoolaa isa aarsaa gubamu+ taʼee dhihaatu Waaqayyo ofuma isaatii ni qopheessa” isaan jedhe. Achiis lamaan isaanii waliin ni deeman.  Dhuma irrattis bakka Waaqni dhugaan isatti argisiise sana bira gaʼan; Abrahaamis bakka sanatti iddoo aarsaa ijaaree achi irratti qoraan tarreessee wal irra naqe. Harkaa fi miila Yisihaaq hidhees iddoo aarsaa sana irratti qoraanicha irra isa ciibse.+ 10  Achiis Abrahaam ilma isaa qaluuf harka isaa hiixatee halbee* sana fudhate.+ 11  Haa taʼu malee, maleekaan Yihowaa samii keessaa, “Abrahaam, Abrahaam!” jedhee isa waame. Innis, “Kunoo asan jira!” jedhee deebise. 12  Achiis, “Mucicha hin miidhin; wanta tokko illees isa irratti hin raawwatin; ati nama Waaqayyoon sodaatu taʼuu kee ani amma beekeera; sababiin isaas, ati ilma kee isa tokkicha na hin dhowwanne” isaan jedhe.+ 13  Yeroo kanatti Abrahaam ol jedhee yommuu ilaalu, isa irraa gamatti korbeessi hoolaa tokko gaanfi isaa tusii keessatti qabamee arge. Kanaafuu, Abrahaam deemee hoolaa sana fuudhee bakka ilma isaa aarsaa gubamu godhee dhiheesse. 14  Abrahaamis bakka sana Yihowaa Yirʼee* jedhee moggaase. Hamma harʼaattis, “Yihowaan gaara isaa irratti wanta barbaachisu ni qopheessa”+ kan jedhamu kanaafi. 15  Ammas maleekaan Yihowaa yeroo lammataatiif samii keessaa Abrahaamiin waamee, 16  akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani ofiin nan kakadha,+ ati kana waan gooteef, ilma kee isa tokkichas waan na hin dhowwanneef,+ 17  ani dhugumaan sin eebbisa; dhugumaan sanyii kee akka urjiilee samii fi akka cirracha qarqara galaanaatti nan baayʼisa;+ sanyiin kees karra* diinota isaa ni dhaala.+ 18  Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin+ ofii isaaniitiif eebba ni argatu.’”+ 19  Sana booda Abrahaam gara tajaajiltoota isaatti deebiʼe; isaanis kaʼanii walii wajjin gara Ber Sheebaatti+ deebiʼan; Abrahaamis Ber Sheebaa keessa jiraachuu isaa itti fufe. 20  Sana booda akkana jedhamee Abrahaamitti himame: “Kunoo, Miilkaanis Naahor obboleessa keetiif+ ilmaan deesseetti; 21  isaanis ilma isaa isa angafaa Uuz, obboleessa isaa Buuz, abbaa Aaraam kan taʼe Qemuʼel, 22  Keseed, Hazoo, Pildaash, Yidlaafii fi Beetuʼeli.”+ 23  Beetuʼel Ribqaa+ dhalche. Miilkaan Naahor obboleessa Abrahaamiif ilmaan saddeettan kana ni deesse. 24  Saajjatoon* isaa ishiin Reʼuumaa jedhamtus ilmaan isaaf ni deesse; isaanis Tebaa, Gaahaam, Taahaashii fi Maʼaakaa turan.

Miiljaleewwan

Ykn., “halbee ittiin qalan.”
Ykn., “halbee ittiin qalan.”
“Yihowaan ni Qopheessa; Yihowaan ni Arga” jechuu dha.
Ykn., “magaalota.”
Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.