Qorontos Lammaffaa 9:1-15

  • Gorsa arjoota akka taʼan kenname (1-15)

    • Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu jaallata (7)

9  Tajaajila qulqullootaaf kennamu ilaalchisee,+ isiniif barreessuun na hin barbaachisu;  sababiin isaas, ani fedhii qabaachuu keessan waanan beekuuf, warri Akaayaa waggaa tokko dura qophaaʼaniiru jedhee boonuudhaan warra Maqedooniyaatti waaʼee keessan dubbadheen ture; hinaaffaan keessanis baayʼee isaanii kakaaseera.  Haa taʼu malee, kana ilaalchisee waaʼee keessan boonuun keenya gatii kan hin qabne akka hin taanee fi akkuma ani dubbadhe qophaaʼoo akka taataniif obboloota gara keessanitti nan erga.  Taʼuu baannaan, obboloonni Maqedooniyaa anaa wajjin dhufanii akka isin hin qophoofne yoo argan, isin qofa utuu hin taʼin nutis isinitti amanamuu keenyatti ni qaanofna.  Kanaafuu, kennaan keessan arjummaadhaan malee dirqamaan akka hin taaneef, obboloonni dursanii gara keessan dhufanii, kennaa isin arjummaadhaan kennuuf waadaa galtan dursanii akka qopheessaniif isaan jajjabeessuun gaarii taʼee natti mulʼateera.  Akkuma beekamu, namni xinnoo facaasu kam iyyuu xinnoo galfata, namni baayʼee facaasu kam iyyuu baayʼee galfata.+  Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf,+ namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin,+ akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu.  Kana malees, yeroo hunda wanti isinitti hirʼatu akka hin jiraannee fi hojii gaarii hundumaan badhaadhota akka taataniif, Waaqayyo gaarummaa isaa isa guddaa hunda isiniif baayʼisuu ni dandaʼa.+  (Kunis akkuma, “Inni balʼinaan* raabseera; hiyyeeyyiidhaafis kenneera. Qajeelummaan isaa bara baraaf itti fufa”+ jedhamee barreeffametti dha. 10  Waaqni inni isa facaasuuf sanyii, soorataaf akka taʼuufis nyaata baayʼinaan kennu, sanyii isin facaastan baayʼinaan isiniif kenna; firii qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa.) 11  Isin karaa hundumaan arjummaadhaan akka kennitaniif, Waaqayyo karaa hundumaan isin eebbisa; kunis namoonni karaa keenya Waaqayyoon akka galateeffatan kakaasa; 12  sababiin isaas, tajaajilli uummataaf kennamu kun wanta qulqullootaaf barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin,+ Waaqayyoof galanni hedduun akka dhihaatus ni godha. 13  Ragaan karaa tajaajila gargaarsaa kanaan mulʼatu, Waaqayyoof ulfina akka isaan kennan godha; sababiin isaas, isin akkuma ifatti labsitan, misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsuuf bitamuudhaan, isaaniifis taʼe namoota hundumaatiif arjummaadhaan buusii gootaniittu.+ 14  Kana malees, Waaqayyo gaarummaa isaa isa guddaa hangana hin jedhamne waan isinitti argisiiseef, isaan waaʼee keessaniif wawwaannaa dhiheessuudhaan jaalala isiniif qaban argisiisaa jiru. 15  Kennaa tolaa isaa isa jechaan ibsamuu hin dandeenyeef Waaqayyoof galanni haa taʼu.

Miiljaleewwan

Ykn., “arjummaadhaan.”