Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyotti Dhihaachuun Koo Gaarii Naaf Taʼe

Waaqayyotti Dhihaachuun Koo Gaarii Naaf Taʼe

UMURIIN koo waggaa sagal yeroo taʼu guddina koon dhaabe. Kun kan taʼe waggaa 34 dura Koot Diivuwaaritti yeroo taʼu amma iyyuu dheerinni koo meetira 1 qofa dha. Haalli koo sirriitti beekamaa yeroo dhufu, warri koo waaʼee gabaabina kootii yeroo hunda akkan hin yaadneef hojii irratti akkan xiyyeeffadhu na jajjabeessan. Mana keenya biratti muduraa gurguruu kanan jalqabe siʼa taʼu, iddoo isaas qulqullinaanan qaban ture. Kun immoo maamiltoota hedduu naaf argamsiiseera.

Haa taʼu malee, ciminaan hojjechuun koo waan hunda hin jijjiirre. Amma iyyuu baayʼee gabaabduun ture; wantoota salphaa fakkaatan gochuu, fakkeenyaaf baankoonii dhaqqabuu illee hin dandaʼun ture. Wantoonni hundumtuu namoota dheerinni isaanii kan kootti dachaa lama taʼuuf kan qophaaʼan fakkaata. Haalli koo baayʼee na gaddisiisa ture; haa taʼu malee, yeroo umuriin koo waggaa 14 taʼu ilaalchi koo ni jijjiirame.

Gaaf tokko dubartoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan lama muduraa ana irraa bitanii, achumaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu na jalqabsiisan. Utuun baayʼee hin turin waaʼee Yihowaa fi kaayyoo isaa beekuun, haala qaama kootii caalaa barbaachisaa akka taʼen hubadhe. Kun baayʼee na fayyadeera. Yaada Faarfannaa 73:28 irra jiru baayʼeen jaalladha. Kutaan jalqabaa caqasa kanaa, “Waaqayyotti dhiʼaachuun anaaf gaarii dha” jedha.

Maatiin keenya akkuma tasaa gara Burkiinaa Faasoo kan deeme siʼa taʼu, jireenyi koo guutummaatti jijjiirame. Yeroo Koot Diivuwaar turretti, namoonni yeroo hunda bakkan muduraa gurgurutti waan na arganiif ani isaaniif haaraa hin turre. Naannoo keenya isa haaraatti garuu keessummaa waanan taʼeef namoota baayʼeedhaaf haaraan ture. Namoonni ija ana irraa hin buqqifatan turan. Torban muraasaaf utuun manaa hin baʼin yeroon itti turu jira. Yeroo kanatti Yihowaatti dhihaachuun hammam gaarii naaf taʼee akka turen yaadadhe. Waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaatti kanan barreesse siʼa taʼu, misiyoonii gaariin Naanii jedhamtu na gaafachuuf doqdoqqeedhaan dhufte.

Daandiin naannoo keenyaa cirracha taʼe kan mucuceessuu fi yeroo roobaa immoo kan dhoqqaaʼu ture. Naaniin yeroo na qayyabsiisuu dhuftu siʼa baayʼee doqdoqqee ishee irraa kan kufte taʼus abdii hin kutanne. Gaaf tokko, ishee wajjin walgaʼii akkan dhaqu na afeerte. Kana gochuun ija jabaadhee manaa baʼuu fi ija namootaa dandaʼuu akka gaafatu beekan ture. Kana malees, doqdoqqee ishee isa karaa sana irra oofuuf rakkisaa ture yaabbachuun koo ulfaatina itti dabala. Taʼu iyyuu, kutaan kan biraan caqasa ani jaalladhuu, “Yaa Waaqayyo gooftaa, . . . ani daʼoo si godhadheera” waan jedhuuf deemuufan walii gale.

Yeroo tokko tokko anii fi Naaniin dhoqqee keessatti kan kufnu taʼus, haala kana keessa dabarree walgaʼii irratti argamuun keenya nu hin gaabbisiisu ture. Namoonni Galma Mootummaa keessatti jaalalaa fi fuula ifaadhaan na simatan, namoota ija ana irraa hin buqqifanne irraa baayʼee adda turan! Jiʼa sagal booda nan cuuphame.

Caqasni ani jaalladhu, “Hojii kee hundumaa himuudhaaf” yaada jedhus qaba. Tajaajila baʼuun qorumsa guddaa akka natti taʼu beekan ture. Guyyaan jalqaba manaa gara manaa itti tajaajile amma iyyuu nan yaadadha. Ijoollee xixinnoonis taʼan namoonni guguddaan baayʼee na ilaalu, na hordofu, akkasumas adeemsa koo akkeessu turan. Kun miira koo kan miidhu taʼus, isaanis akkuma koo jannanni akka isaan barbaachisu yeroo hunda waanan of yaadachiisuuf tajaajila koo itti fufeera.

Haalli isaa akka naaf salphatuuf jecha, biskileetii miilla sadii qabuu fi harkaan oofamun bitadhe. Namni naa wajjin tajaajila baʼu, yeroo tabba baanu ol na dhiiba; yeroo irraangadee buunu immoo dafee yaabbatee saffisaan waliin deemna turre. Tajaajilli jalqaba irratti qorumsa natti taʼee ture, gammachuu guddaa naaf argamsiisuu waan jalqabeef, bara 1998tti qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluun jalqabe.

Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu hedduu kanan qabu siʼa taʼu, isaan keessaa afur cuuphamaniiru. Obboleettiin koo tokkos Dhugaa Baatuu taateetti! Guddina namoonni godhan dhagaʼuun koo, yeroo na barbaachisutti jajjabina naaf argamsiisa ture. Gaaf tokko busaan na qabee utuu jiruu, Koot Diivuwaarii xalayaan na gaʼe. Burkiinaa Faasootti barataa yunivarsiitii tokko guyyuma jalqabaatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ergan jalqabsiisee booda obboleessa tokkotti kenneen ture. Barataan kun yeroo booda gara Koot Diivuwaar deeme. Babalʼisaa hin cuuphamne taʼuu isaa yeroon dhagaʼu baayʼeen gammade!

Waanan ittiin jiraadhu eessaan argadha? Dhaabbatni gargaarsaa qaama miidhamtoota gargaaru tokko wayyaa hodhuu akkan baradhu na afeere. Barsiistuun koo hojii irratti cimtuu taʼuu koo waan hubatteef, “Akkaataa saamunaan itti hojjetamu si barsiisuu qabna” jette. Achiis na barsiisan. Mana keessatti saamunaa hojjechuun jalqabe. Namoonni saamunaa koo kan jaallatan taʼuu isaa irra iyyuu, namoota kaanittis ni beeksisu turan. Doqdoqqee koo isa gommaa sadii qabuun deemeen ofuma kootii saamunaa raabsa ture.

Kan nama gaddisiisu, bara 2004tti dhukkubni lafee dugdaa koo isa jalʼateen kan kaʼe na dhukkubu waan natti cimeef, qajeelchaa taʼee tajaajiluun dhaabe. Taʼus, amma iyyuu tajaajila irratti hirmaannaa guutuun godha.

Namoonni fuula ifaa qabaachuu kootiin akkan beekamu dubbatu. Waaqayyotti dhihaachuun anaaf gaarii waan taʼeef, gammaduuf sababii gaʼaan qaba.—Saaraa Maayigaan akka dubbattetti.