Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyoon Tajaajiluun Dawaa Isaaf Ta’eera!

Waaqayyoon Tajaajiluun Dawaa Isaaf Ta’eera!

Keeniyaatti, qajeelchitoonni lama utuu tajaajilaa jiranii mana tokko akka seenan yommuu afeeramanitti nama sireerra ciisee jiruufi qaamnisaa baay’ee xinnoo ta’e yommuu argan ni na’an. Namni kun qoma, miillaafi harka baay’ee gabaabaa ta’e qaba. Qajeelchitoonni kun abdii Waaqayyo, “Namni naafti akka borofaa in utaala” jechuudhaan kenne yeroo dubbisaniif ni gammade.​—Isa. 35:6.

Qajeelchitoonni kun, Oneesmas inni umrii dhuma waggoota 30mmanii keessatti argamu, dhibee ostiyoojenasis imparfektaa jedhamuufi lafeen salphaatti akka cabu godhuu wajjin akka dhalate hubatan. Lafeensaa baay’ee haphii waan ta’eef salphaatti cabuu danda’a. Dhibee kana wal’aanuun waan hin danda’amneef, Oneesmas jireenyasaa guutuu dhukkuba cimaa kanaa wajjin jiraachuufi wiilcheeriitti fayyadamuun dirqama itti ta’eera.

Oneesmas afeerraa isaaf dhihaate fudhachuudhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. Haata’u malee haatisaa, miidhaafi dhukkubbii dabalataatiif akka isa saaxilu yaaduudhaan walga’ii deemuusaa mormite. Kanaaf, obboloonni barumsawwan walga’iirratti dhihaatan waraabuudhaan, Oneesmas manatti akka dhaggeeffatu godhan. Ji’a shaniif erga qayyabatee booda, dhibeensaa itti cimuu kan danda’u ta’us walga’iirratti argamuuf murteesse.

Oneesmas walga’iirratti argamuunsaa dhukkubasaa itti cimseeraa? Matumaa! Haallisaa kanarraa faallaa ture. Oneesmas, “Yommuun walga’iirratti argamu dhukkubnikoo natti fooyya’a” jedheera. Dhukkubnisaa akka itti fooyya’u kan godhe abdii haaraa argate akka ta’e yaada. Haati Oneesmas gammachuu ilmishee qabu kan hubatte si’a ta’u, isheenis Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii akka qabdu argisiiste. “Waaqayyoon tajaajiluun ilma kootiif dawaa ta’eera” jetteetti.

Utuu baay’ee hin turin, Oneesmas babal’isaa hin cuuphamne ta’e. Boodas kan cuuphame si’a ta’u, yeroo ammaa tajaajilaa gumii ta’eera. Miillasaa lamaaniifi harkasaa isa tokkotti fayyadamuu kan hin dandeenye ta’us, hanga isaa danda’ame Yihowaa tajaajiluuf fedhii guddaa qaba. Qajeelchaa gargaaraa ta’uu kan barbaadu ta’us, foormii guutuu ni sodaata ture. Maaliif? Gargaarsi nama kan biraa, jechuunis namni wiilcheerii isaaf dhiibu akka isa barbaachisu waan beekuuf ture. Yaaddoosaa kana obbolootaaf ennaa ibsu, akka isa gargaaran waadaa galaniif. Obboloonni akkas gochuunsaanii Oneesmas qajeelchaa gargaaraa akka ta’u isa godheera.

Oneesmas qajeelchaa ta’uu ennaa barbaadettis, yaaddoon duraanii itti dhaga’amee ture. Haata’u malee, caqasa guyyaa guyyaa gaaf tokko dubbiserraa yaada isa jajjabeessu argate. Caqasichi Faarfannaa 34:8⁠rraa kan fudhatame si’a ta’u, “Gaarummaan Waaqayyoo attam akka ta’e, isin miyeeffadhaa ilaalaa!” kan jedhu ture. Oneesmas caqasicharratti erga xiinxalee booda qajeelchaa ta’uuf murteesse. Yeroo ammaa torbanitti guyyaa afur kan tajaajilu si’a ta’u, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu guddina gochaa jiran hedduu qaba. Oneesmas bara 2010⁠tti Mana Barumsaa Qajeelchitootaarratti hirmaateera. Obboloota jalqaba isa haasofsiisan lamaan keessaa tokko barsiisaasaa ta’uusaa beekuunsaa baay’ee isa gammachiiseera!

Yeroo ammaatti warri Oneesmas kan du’an ta’us, obboloonni gumiisaa wanta isa barbaachisu isaaf gochuudhaan isa kunuunsaa jiru. Eebba yeroo ammaatti argate hundaaf kan galateeffatu yommuu ta’u, yeroo abdiin, “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru” jedhu itti raawwatamus hawwiidhaan eeggachaa jira.​—Isa. 33:24.