Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Bara duriitti namoonni yeroo waggaa fi jiini itti jalqabu kan beekan akkamitti ture?

IBROONNI Biyyattii Abdachiifamte keessa jiraachaa turan waggaa haaraa kan jalqaban hojii qotiisaa fi facaasaatiin ture; yeroon kunis jiʼoota yeroo ammaatti Fulbaana/Onkoloolessa jedhamanirra oola.

Namoonni dheerina jiʼa tokkoo kan herregan marsaa addeessaa isa guyyaa 29 ykn 30 dheeratu irratti hundaaʼaniiti; dheerina waggichaa beekuuf immoo aduu irratti hundaaʼu. Haa taʼu malee, waggaan addeessa irratti hundaaʼuudhaan herregamu waggaa aduu irratti hundaaʼuudhaan herregamurra ni gabaabbata. Kanaafuu, akkaataa yeroon itti lakkaaʼamu lamaan kana wal simsiisuuf mala barbaaddachuun isaan barbaachisa. Kana gochuun kan dandaʼamu guyyoota muraasa dabaluudhaan ykn darbee darbee waggaan itti aanu jalqabuu isaa dura jiʼa tokko dabaluudhaani. Malli kun kaalaandariin sun waqtii midhaan facaasaa ykn haamaa wajjin akka wal simu godha.

Haa taʼu malee, bara Museetti Waaqayyo Israaʼelotaaf jiini jalqabaa waggichaa jiʼa Abiib ykn Niisaan akka taʼe isaanitti himee ture. (Bau. 12:2; 13:4) Jiini kun kan jalqabu naannoo Bitootessa/Eblaattidha. Jiʼa Niisaanitti ayyaanni Israaʼelonni kabajan jira ture; ayyaana kanarratti firii jalqabaa garbuu Yihowaadhaaf dhiheessu turan.—Bau. 23:15, 16.

Hayyuun tokko waggaa tokko keessatti jiʼa tokko dabaluun kan barbaachisu yoom akka taʼe beekuun salphaa akka ture dubbataniiru. Kana malees akkana jedhaniiru: “Ayyaanni Faasikaa yeroo hundumaa kabajamuu kan qabu jiʼa Niisaan (Niisaan 14) keessa, jechuunis waqtii arfaasaatti guyyaa dheerinni guyyaa fi dheerinni halkanii qixxee itti taʼu booda jiruttidha . . . Kanaafuu, gara dhuma waggichaatti Ayyaanni Faasikaa kan oolu guyyaa kana dura akka taʼe yoo beekame Yihudoonni jiʼa Niisaan dura jiʼa tokko dabalu.”

Dhugaa Baatonni Yihowaa guyyaa Ayyaanni Irbaata Gooftaa irra oolu yeroo herregan mala kanatti fayyadamu; guyyaan kun waqtii arfaasaa keessa, akka kaalaandarii Ibrootaatti Niisaan 14 irra oola. Ayyaanni kun guyyaa isa kamirra akka oolu gumiiwwan addunyaa maratti argamanitti dursee beeksifama. *

Haa taʼu malee, Ibroonni yeroo jiini tokko itti xumuramuu fi jiini haaraan itti jalqabu kan beekan akkamitti ture? Yeroo harʼaatti kana beekuuf kaalaandarii maxxanfame ykn appilikeeshinii kaalaandarii moobaayilii keenyarra jirutti salphaatti fayyadamuu dandeenya. Bara duriitti garuu kana beekuun salphaa hin turre.

Yeroo Bishaan Badiisaatti jiini tokko guyyaa 30 dheerata ture. (Uma. 7:11, 24; 8:3, 4) Kaalaandariin jiʼaa Ibroonni yeroo booda itti fayyadamaa turan garuu guyyaa 30 qofa kan qabate hin turre. Akka kaalaandarii Ibrootaatti jiini haaraan kan jalqabu akkuma baatii haaraan baateen ture. Kunimmoo jiini sana dura jiru jalqabee guyyaa 29 ykn 30 booda taʼa.

Yeroo tokko Daawitii fi Yonaataan yeroo jiini haaraan itti jalqabu ilaalchisee, “Boru guyyaa baatii haaraan itti baatu dha” jedhanii turan. (1 Sam. 20:5, 18) Kanaafuu, Dh.K.D. jaarraa 11​ffaatti jiʼoonni dursanii herregamaa kan turan fakkaata. Maarree, Israaʼelonni jiini haaraan kan jalqabu yoom akka taʼe kan beekan akkamitti ture? Barreeffamni Miishnaa jedhamuu fi seeraa fi aadaa Yihudootaa afaaniin dhalootaa dhalootatti darbaa ture qabate odeeffannoo muraasa qabateera. Barreeffamni kun akka argisiisutti Yihudoonni boojuu Baabilonii erga deebiʼanii booda yaaʼiin Saanhedriin (manni murtii ol aanaa Yihudootaa) yeroo jiini haaraan itti jalqabu murteessuu jalqabee ture. Jiʼoota torban ayyaanonni itti kabajaman keessatti manni murtii kun jiʼicha keessaa guyyaa 30​ffaa irratti walitti qabama. Namoonni kun jiini itti aanu yoom akka jalqabu murteessuuf itti gaafatamummaa qabu turan. Maarree, murtoo kana kan godhan maalirratti hundaaʼaniiti?

Waardiyyoonni naannoo Yerusaalemitti iddoowwan ol kaʼoo taʼanitti ramadaman yeroo baatii haaraan jalqaba itti baatu beekuuf halkan keessa gara samii ilaalu. Achiis dafanii yaaʼii Saanhedriinitti beeksisu. Miseensonni yaaʼii kanaa ragaa gaʼaa baatii haaraan akka mulʼatte argisiisu akka qaban yeroo isaanitti dhagaʼamu jiini haaraan akka jalqabe beeksisu. Haa taʼu malee, waardiyyoonni sun hurrii ykn duumessaan kan kaʼe baatii haaraan yeroo baatu ilaaluu hin dandeenye yoo taʼe hoo? Yeroo akkasiitti jiini sun guyyaa 30 akka qabuu fi itti aansuudhaan jiini haaraan akka jalqabu ni beeksifama.

Jiini haaraan akka jalqabe beeksisuuf Gaara Ejersaa Yerusaalemitti dhihoo jiru irratti ibiddi ni qabsiifama. Oduu kana babalʼisuuf jecha guutummaa Israaʼel keessa iddoowwan ol kaʼoo taʼan kaan irrattis ibiddi ni qabsiifama ture. Yeroo boodammoo kana beeksisuuf namoonni ergamuu jalqaban. Akka kanaan Yihudoota Yerusaalem keessas taʼe guutummaa Israaʼel keessa jiraatanitti jiini haaraan akka jalqabe beeksifama. Kun taʼuun isaa hundi isaaniiyyuu yeroo tokkotti ayyaanota akka kabajan isaan dandeessisa.

Chaartiin armaan gadii bara Israaʼelotaatti namoonni jiʼoota, guyyoota ayyaanaa fi waqtiilee adda baafachaa kan turan akkamitti akka taʼe hubachuuf si gargaaruu dandaʼa.

^ Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 1990 (Ingiliffa), ful. 15, akkasumas “Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 1977 (Ingiliffa) irratti baʼe ilaali.