Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Geejjibni qondaalli Itoophiyaa xuʼaashii taʼe sun yeroo Filiphoos wajjin wal argetti yaabbatee ture kan akkamiiti?

JECHI Hiika Addunyaa Haaraarratti “gaarii fardaa” jedhamee hiikame geejjiba garaagaraa argisiisuu dandaʼa. (HoE. 8:28, 29, 38) Haa taʼu malee, gaariin fardaa namichi Itoophiyaa kun yaabbatee ture gaarii fardaa waraanaa ykn gaarii fardaa dorgommiidhaaf hojjetamerra kan caalu fakkaata. Mee wantoota xumura kanarra gaʼuuf nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu.

Namichi Itoophiyaa kun abbaa taayitaa karaa baayʼee fagoo taʼe deemudha. “Namichi kun qondaala mootuu Itoophiyaa Kandaakee yeroo taʼu, qabeenya ishii hunda irratti kan ajaju ture.” (HoE. 8:27) Itoophiyaan durii Sudaan ishii yeroo ammaa fi kutaa kibba Gibxii ishii yeroo ammaa kan dabalatudha. Namichi kun guutummaa imala isaarratti geejjiba tokkotti fayyadamee taʼuu dhiisuu dandaʼa; taʼus wantoota karaa fagoo deemuuf isa barbaachisan hedduu qabatee akka ture hin shakkisiisu. Geejjibawwan Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti imaltoota iddoodhaa gara iddootti geessuuf faayidaarra oolaa turan keessaa tokko gaarii fardaa isa geengoo afurii fi gaaddisa qabudha. Kitaabni Aktis jedhamu akka ibsetti, “gaariin fardaa akkasii miʼa hedduu kan qabatu, imaltootaaf caalaatti mijataa kan taʼee fi tariimmoo karaa caalaatti fagoo taʼe deemuuf kan dandeessisu akka taʼe” ibseera.

Namichi Itoophiyaa sun yeroo Filiphoos isa bira gaʼu dubbisaa ture. Seenaan isaa, “Filiphoosis gaarii fardaa sana cinaa fiigee yommuu [xuʼaashichi] sagalee isaa ol kaasee kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbisu dhagaʼe” jedha. (HoE. 8:30) Gaariiwwan fardaa imalaaf tajaajilan kan hojjetaman saffisaan ittiin imaluuf miti. Gaariin fardaa kun suuta waan deemuuf xuʼaashichi dubbisuu dandaʼeera; Filiphoosis fiigichaan bira gaʼuu kan dandaʼe kanaafi.

Namichi Itoophiyaa sun “Filiphoos gaarii sana yaabbatee isaa wajjin akka taaʼu isa kadhate.” (HoE. 8:31) Gaarii fardaa dorgommiidhaaf hojjetame keessatti namoonni oofan ni dhaabbatu. Gaariin fardaa imalaaf hojjetame garuu, iddoo gaʼaa waan qabuuf xuʼaashichis taʼe Filiphoos taaʼuu dandaʼaniiru.

Gabaasa Hojii Ergamootaa boqonnaa 8​rratti geggeessaa hafuura qulqulluutiin galmeeffamee fi ragaa seenaarraa argame wajjin haala wal simuun, fakkiin yeroo dhihoodhaa asitti barreeffamoota keenyarratti baʼu namichi Itoophiyaa gaarii fardaa waraanaaf ykn dorgommiidhaaf hojjetamerra caalu yaabbatee akka jiru argisiisa.