Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalalli, fedhii keenya caalaa fedhii warra kaanii akka dursinu nu dirqisiisa

Namootatti Jaalala Argisiisuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Namootatti Jaalala Argisiisuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Addaam nama isa jalqabaa irraa waan argamneef hundumti keenya maatii tokko dha. Miseensonni maatii akka wal jaallatanii fi akka wal kabajan kan eegamu taʼus, yeroo harʼaatti jaalala akkasii argachuun rakkisaa dha. Kun garuu wanta Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe barbaadu miti.

JAALALA ILAALCHISEE WANTA KITAABNI QULQULLUUN JEDHU

“Nama akka ofii keetiitti jaalladhu.”—LEWWOOTA 19:18.

“Diinota keessan jaallachuu . . . keessan itti fufaa.”—MAATEWOS 5:44.

NAMOOTA JAALACHUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

Waaqayyo, Dubbii isaa isa 1 Qorontos 13:4-7 irratti argamu irratti jaalala akkamitti akka ibse hubadhu:

“Jaalalli obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa.”

Mee yaadi: Warri kaan obsaa fi gaarummaa yommuu sitti argisiisan, akkasumas dogoggora raawwatteef aariidhaan siif deebisuu yommuu dhiisan maaltu sitti dhagaʼama?

“Jaalalli hin hinaafu.”

Mee yaadi: Namoonni garmalee yommuu si shakkan ykn yommuu sitti hinaafan maaltu sitti dhagaʼama?

Jaalalli “faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.”

Mee yaadi: Yommuu warri kaan ilaalcha kee kabajanii fi yeroo hunda yaada isaanii akka fudhattu dhiibbaa yoo si irratti gochuu baatan maaltu sitti dhagaʼama?

Jaalalli “miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu.”

Mee yaadi: Waaqayyo warra isa irratti cubbuu hojjetanii fi qalbii jijjiirrataniif dhiifama gochuuf fedhii qaba. “Inni si’a hundumaa dubbii gad hin kotaʼu, akka dheekkametti hin hafu.” (Faarfannaa 103:9) Namni mufachiisne tokko yommuu dhiifama nuuf godhu ni dinqisiifanna. Kanaafuu nutis yeroo warri kaan nu mufachiisan dhiifama gochuuf qophaaʼoo taʼuu qabna.—Faarfannaa 86:5.

Jaalalli “jalʼinatti hin gammadu.”

Mee yaadi: Wanti gaarii hin taane tokko yommuu nu mudatu, warri kaan haala rakkisaa nu mudate sanatti akka gammadan hin barbaannu. Kanaafuu, warri kaan nu miidhanii kan turan taʼu illee, yeroo haalli rakkisaan isaan mudatu gammaduu hin qabnu.

Eebba Waaqayyoo argachuu yoo barbaanne, eenyu iyyuu yoo taʼe nama hundumaa jaallachuu qabna. Karaa qabatamaan kana gochuu itti dandeenyu keessaa inni tokko warra gargaarsi barbaachisu gargaaruu dha.