Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Dhageettii BillaachaaDinqisiisaa T⁠a⁠ʼe

Dandeettii Dhageettii BillaachaaDinqisiisaa T⁠a⁠ʼe

BILLAACHI (irbaanni ibiddaa) uumama addunyaa keessa jiru kam irra iyyuu caalaa sagalee guddaa dhagaʼuu ni dandaʼa. Haa taʼu malee akkaataan itti gurri isaa tolfame wal xaxaa miti; guddinni gurra isaas hammuma mataa ispiilii gaʼa.

Mee yaadi: Dandeettii dhageettii billaacha halkanii irratti waggoota hedduudhaaf qorannaan geggeeffamaa ture. Dhiheenyatti qorattoonni Yunivarsiitii Istiraatkilaayid Iskootlaanditti argamu keessa jiran sadarkaa sagalee garaa garaatti fayyadamuudhaan dandeettii dhageettii billaachaa irratti qorannoo godhaniiru. Qorattoonni kun, hollannaa dibbee gurraa kan safaran siʼa taʼu, sochii narvii dhageettiis galmeessaniiru. Dibbeen gurraa billaacha kanaa sagalee kiiloharzii (meeshaa sagaleen ittiin safaramu dha) 300 taʼu illee dhagaʼuu dandaʼeera. Wal bira qabuudhaaf, sagaleen owwaattuu simbirroon halkanii kallattii beekuuf itti fayyadamtu kiiloharzii 212 taʼa; sagaleen doolfiinonni dhagaʼuu dandaʼan inni guddaan kiiloharzii 160 siʼa taʼu, namoonni immoo kiiloharzii 20 ol dhagaʼuu hin dandaʼan.

Qorattoonni dandeettii dhageettii billaacha halkanii ol aanaa taʼe kana irratti hundaaʼuudhaan meeshaa teknoolojii haaraa hojjechuuf yaadaa jiru. Dooktoor Jamsi Wiindimiil inni Yunivarsiitii Istiraatkilaayiditti hojjetu, ‘maaykiroofoonii fooyyaʼaa fi xixinnoo hojjechuuf akka isaan gargaaru’ dubbateera. Itti dabaluudhaanis, “Maaykiroofoonii kana meeshaalee garaa garaa kan akka moobaayilii fi meeshaalee namoota sirriitti dhagaʼuu hin dandeenye gargaaran keessa kaaʼuun ni dandaʼama” jedheera.

Maal sitti fakkaata? Dandeettiin dhageettii billaacha halkanii dinqisiisaa taʼe jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?