Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Simbirri Baarteeyildi Goodwiit Jedhamtu Kallattii Itti Balaliitu Akkamitti Beekti?

Simbirri Baarteeyildi Goodwiit Jedhamtu Kallattii Itti Balaliitu Akkamitti Beekti?

SIMBIRRI baarteeyildi goodwiit jedhamtu, simbirroota godaansa dinqisiisaa gochuudhaan beekaman keessaa tokkodha. Simbirri kun kiilomeetira 11,000 godaanuuf, guyyaa saddeet caalaa itti fudhachuu dandaʼa.

Mee yaadi: Qorattoonni, simbirroonni tokko tokko akkuma waan sammuusaanii keessaa koompaasii qabaniitti, dirree maagneetii lafaatiin fayyadamanii naannoo tokkorraa gara naannoo kaaniitti akka godaanan dubbatu. Kana malees simbirri kun guyyaa guyyaa aduudhaan, halkanimmoo urjiidhaan geggeeffamtee godaanuu dandeessi. Simbirri goodwiit jedhamtu kun, qilleensi cimaan duubaan dhiibuudhaan ishee gargaaru yommuu dhufuuf jedhus beekuu kan dandeessu fakkaata. Haataʼu malee, akkaataan simbirroonni kun adeemsa dinqisiisaa itti godhan hayyoota ni ajaaʼibsiisa. Baayooloojistiin Baab Giil jedhaman, “[Simbirroota kanarratti] waggaa 20f qorannaa kanan godhe taʼus, ammayyuu waaʼeensaanii baayʼee na ajaaʼibsiisa” jedhaniiru.

Maal Sitti Fakkaata? Dandeettiin simbirri baarteeyildi goodwiit kallattii itti balaliitu beekuuf qabdu, jijjiirama tirannaatiin kan argamedhaa? Moo qaamni kana tolche jira?