Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenya Maatii fi Michummaa

Jireenya Maatii fi Michummaa

Namoonni hedduun maatii fi michoota isaanii wajjin hariiroo gaarii qabaachuun isaan rakkisa. Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hariiroo warra kaan wajjin qabdu fooyyessuuf si gargaaran ilaali.

OFITTUMMAARRAA FAGAADHU

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filiphisiyus 2:4.

MAAL JECHUUDHA? Hariiroon milkaaʼina qabu kan argamu fudhachuudhaan utuu hin taʼin kennuudhaani. Ofittoo yoo taate, hariiroo warra kaan wajjin qabdu balleessuu dandeessa. Fakkeenyaaf, hiriyaan gaaʼelaa ofittoo taʼe amanamummaa isaa hirʼisuu dandaʼa. Kana malees, namni nama yeroo hunda waaʼee wantoota qabuu ykn beekuu dubbachuudhaan of jaju wajjin taʼuu barbaadu hin jiru. Akkuma kitaabni The Road to Character jedhamu ibsetti, “namoonni ofirratti qofa xiyyeeffatan rakkina hedduu qabu.”

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Warra kaan gargaari. Michoonni wal jaallatan wal amanu, wal gargaaruufis qophaaʼoodha. Qoʼannaawwan tokko tokko akka argisiisanitti namoonni warra kaan gargaaran yeroo baayʼee dhiphina sammuutiif hin saaxilaman, ofitti amanannaan isaaniis ni dabala.

  • Warra kaaniif gaddi. Nama tokkoof kan gaddinu yoo taʼe, garaa keenya keessatti dhiphinni nama sanaa nutti dhagaʼama. Warra kaaniif kan gadditu yoo taʼe, dubbii micciiramaa qoosaa fakkaatuu fi miira namaa miidhu hin dubbattu.

    Warra kaaniif kan gadditu yoo taʼe isaaniif obsita. Amala kana qabaachuun kee halaalatti nama jibbuurraa fagaachuuf, akkasumas namoota aadaa ykn akkaataa guddinaa garaagaraa qabanitti michoomuuf si gargaaruu dandaʼa.

  • Warra kaan wajjin yeroo dabarsi. Namoota wajjin caalaatti yeroo kan dabarsitu yoo taʼe caalaatti isaan beekta. Michoota gaggaarii horachuuf, isaan wajjin marii gaarii gochuu qabda. Kanaafuu, warra kaan sirriitti dhaggeeffadhu. Wanta michuu kee yaaddessuuf xiyyeeffannaa kenni. Qorannaan dhiheenyatti godhame tokko akka ibsetti, “marii gaarii gochuun namoonni caalaatti gammachuu akka qabaatan godha.”

MICHOOTA KEE OGUMMAADHAAN FILADHU

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Hiriyummaa gadheen naamusa gaarii mancaasa.”—1 Qorontos 15:33, miiljalee.

MAAL JECHUUDHA? Namoonni yeroo wajjin dabarsitu karaa gaariidhaanis taʼe karaa gaarii hin taaneen dhiibbaa guddaa sirratti godhu. Namoonni amala namootaa qoratan dhiibbaan akkasii jireenya keerratti jijjiirama fiduu akka dandaʼu amanu. Fakkeenyaaf, namoota sijaaraa xuuxan ykn hiriyaa gaaʼelaa isaanii hiikanitti kan dhihaattu yoo taʼe, atis sijaaraa xuuxuuf ykn hiriyaa gaaʼelaa kee hiikuuf fedhiin sitti uumamuu dandaʼa.

WANTA GOCHUU DANDEESSU: Namoota amalootaa fi naamusa ati iddoo guddaa kennituuf ykn horachuu barbaaddu qaban michoota godhadhu. Fakkeenyaaf, namoota mala qabeeyyii taʼan, warra kaan kabajan, arjoota taʼanii fi keessummaa simachuu jaallatanitti dhihaadhu.

QAJEELFAMOOTA KITAABA QULQULLUU KAN BIROO

Viidiyoowwan Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii fi hiriyoonni gaaʼelaa, dargaggoonnii fi ijoolleen jireenya maatii isaanii akka fooyyessan gargaaruuf qophaaʼan ilaali

WANTA NAMA MIIDHU HIN DUBBATIN.

“Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana.”—FAKKEENYA 12:18.

ARJAA TAʼI.

“Namni arjaan ni badhaadha.”—FAKKEENYA 11:25.

WARRA KAAN KARAA ATI QABAMUU BARBAADDUUN QABI.

“Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.”—MAATEWOS 7:12.