Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 1

Of-Toʼachuu

Of-Toʼachuu

OF TOʼACHUUN MAALI DHA?

Of toʼachuun dandeettiiwwan armaan gadii qabaachuu dabalata

  • Wanta barbaadan hamma argatanitti obsaan eeggachuu

  • Dhiibbaa keessaa namatti dhagaʼamu ittisuu

  • Hojii tokko jaallachuu baatanis guutummaatti raawwachuu

  • Ofiif utuu hin taʼin namoota kaaniif dursa kennuu

OF TOʼACHUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Ijoolleen akka gaariitti of toʼachuu dandaʼan, haalawwan tokko tokko nama hawwatanii fi yeroodhaaf gammachuu kan argamsiisan fakkaatan illee, haalawwan isaan mudatan sana damdamachuu ni dandaʼu. Faallaa kanaatiin immoo, ijoolleen of hin toʼanne haalawwan armaan gadiitu isaan irraa mulʼachuu dandaʼu

  • Aaruu

  • Dhukkuba dhiphinaatiin qabamu

  • Araada Tamboo xuuxu, dhugaatii alkoolii dhuguu fi qoricha sammuu namaa hadoochuun qabamu

  • Nyaata sirriitti hin nyaatan

Qorannoon tokko akka mirkaneessetti, ijoolleen of toʼatan yeroo gaʼeessota taʼanitti carraan dhibee fayyaa, yaaddoo diinagdee keessa galuu fi seera cabsanii rakkoo keessa galuuf qaban baayʼee dhiphaa dha. Qorannoo kana irraa kaʼuudhaan, Piroofeesara Yunivarsiitii Pensilvaaniyaa kan taʼan Anjeelaa Dakwoorzi, “Of toʼachuun matumaa nama hin miidhu” jedhaniiru.

IJOOLLEEN AKKA OF TOʼATAN BARSIISUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Lakki jechuu baradhaa, akkasumas ejjennoo keessanitti cimaa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu.”—Maatewos 5:37.

Ijoolleen xixiqqoon wanti tokko yommuu dhowwataman, tarii bakka namni hedduun jiruttis taʼuu dandaʼa, dallansuudhaan ykn booʼuudhaan warri isaanii yaada isaanii akka jijjiiran gochuuf yaalu taʼa. Warri haala kanaan kan moʼaman yoo taʼe, ijoolleen dallansuudhaan ykn booʼuudhaan yaada warra isaanii jijjiirsisuun tooftaa buʼaa qabeessa akka taʼetti yaaduu dandaʼu.

Gama biraatiin immoo, warri lakki erga jedhanii booda ejjennoo isaaniitti kan cichan yoo taʼe, ijoolleen dhugaa jireenyaa tokko hubatu, wanta barbaadan yeroo hunda argachuun akka hin dandaʼamne baratu. Doktar Deevid Woolishi akka barreessanitti, “Kan nama dinqisiisu, namoonni dhugaa kana hubatan caalaatti gammadoo akka taʼaan hubachuun dandaʼameera.” Itti dabaluudhaanis, “Addunyaan kun wanta isaan barbaadan hunda saanii meetii irra kaaʼee akka isaaniif dhiheessu ijoollee keenya barsiisuun keenya isaan hin fayyadu” jedhaniiru. *

Ijoollee keessaniin ammumaa ‘lakki’ jedhamuu yoo baratan, gara fuulduraattis qorumsawwan tokko tokko yommuu isaan mudatan, fakkeenyaaf, qoricha sammuu namaa hadoochu akka fudhatan, gaaʼela dura saalqunnamtii akka raawwatan ykn wanta isaaniinis taʼe namoota kaan miidhu akka raawwatan yeroo qorumsi isaaniif dhihaatutti ‘lakki’ jechuun isaanitti hin ulfaatu.

Ijoolleen keessan gochi isaanii buʼaas taʼe miidhaa akka qabu akka hubatan isaan gargaaraa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni waanuma facaase sana haammata.”—Galaatiyaa 6:7.

Ijoolleen keessan gochi isaanii kam iyyuu buʼaa gaarii akka qabu, of toʼachuu dhiisuun immoo miidhaa guddaa geessisuun isaa akka hin oolle hubachuu qabu. Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan salphaatti kan aaranii fi of toʼachuun kan isaanitti ulfaatu yoo taʼe, namoonni kaan isaan irraa fagaatu. Karaa biraatiin immoo, wanti nama aarsu yeroo isaan mudatutti kan of toʼatan yoo taʼe ykn namni kan biraan yommuu dubbatu gidduutti kutanii dubbachuu mannaa obsaan kan eegan yoo taʼe namoonni isaanitti dhihaatu. Ijoolleen keessan of toʼachuuf carraaqqii gochuun isaanii, faayidaa hedduu akka isaaniif argamsiisu akka hubatan isaan gargaaraa.

Ijoolleen keessan wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif dursa kennuu akka baratan isaan gargaaraa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa.’—Filiphisiyus 1:10.

Of toʼachuun dogoggora raawwachuu irraa of qusachuu qofa utuu hin taʼin, wantoota barbaachisoo baayʼee nama hin gammachiisne raawwachuus kan dabalatu dha. Ijoolleen keessan wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baafachuu fi wantoota sana raawwachuu barachuu qabu. Kanaafuu ijoolleen keessan wantoota barbaachisoo taʼan sana raawwachuuf dursa akka kennan godhaa. Fakkeenyaaf, bashannanuu isaanii dura hojii manaa isaanii hojjetanii akka xumuran isaanitti himaa.

Fakkeenya gaarii isaaniif taʼaa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Akkuma ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan ani fakkeenya isiniif taʼeera.”—Yohaannis 13:15.

Ijoolleen keessan wanti namatti hin tolle ykn wanti nama aarsu yeroo isin mudatu tarkaanfii akkamii akka fudhatan hubachuun isaanii hin oolu. Kanaaf, of toʼachuun caalaatti buʼaa gaarii akka qabu fakkeenya taʼuudhaan isaanitti argisiisaa. Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan wanta obsa keessan qoru yommuu raawwatan ni aartu moo dhimmicha tasgabbiidhaan hiikuuf carraaqqii gootu?

^ key. 20 Kitaaba No: Why Kids—of All Ages—Need to Hear It and Ways Parents Can Say It jedhamu irraa kan fudhatame.