Dhimma ijoo ta'etti seeni

“Yihowaan Lubbuu Keenya Oolche”

“Yihowaan Lubbuu Keenya Oolche”

 Bara 2005​tti dubartiin Hindi jiraattuu fi Sobagaayaa jedhamtu abbaan manaa ishii jalaa duʼe. Ishii fi intala isaanii jiʼa sadii Maagaanaa jedhamtuuf kunuunsa gaarii godha ture. Amma garuu Sobagaayaan wanta ishii fi intala ishiitiif barbaachisu guutuuf qarshii gaʼaa argachuun ishii rakkiseeraa.

 Kan nama gaddisiisu immoo, namoonni kaan Sobagaayaa simachuu dhiisuu isaaniiti. Maatiin ishii intala ishii fi ishii akka kadhattuutti ilaalu akkasumas baʼaa akka isaanitti taʼan yeroo hunda itti himu turan. Sobagaayaan jajjabina argachuuf waldaa naannoo ishiitti argamu deemuu kan jalqabde taʼus, hiyyeessa waan taateef gatii akka hin qabnetti ishii ilaalu turan. Sobagaayaan ishii fi intalli ishee of dandaʼanii jiraachuuf waan gargaaruuf hojii barbaaduu jalqabde. Garuu carraaqqii cimaa gootellee hojii argachuu hin dandeenye.

 Sobagaayaan akkana jetteetti: “Abdii waanan kutadheef of ajeesuufan murteesse. ani Hin jiru taanaan intalli koo rakkoowwan hedduun akka ishii mudatu nan beeka. Kanaafuu, lamaan keenya iyyuu akka hin jiraanne gochuufan murteesse.” Sobagaayaan gatii akka hin qabnee fi akka hin jaallatamne waan hubatteef summii bitachuuf deemte.

 Sobagaayaan baaburaan gara manaatti deebiʼaa utuu jirtuu Dhugaa Baatuun Yihowaa Elsaabet jedhamtu ishii haasofsiiste. Sobagaayaan hojii akka hin qabne kan ishiif ibsite yeroo taʼu, Elsaabet hojii barbaaduudhaan akka ishii gargaartu gaarummaadhaan itti himte. Akkasumas Elsaabet Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa akka jirtu itti himte. Sobagaayaan waldaawwan hedduu deemtee kan beektu taʼus, namoonni Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan yeroo dubbatan matumaa dhageessee waan hin beekneef kun baayʼee ishii dinqisiise. Elsaabet Sobagaayaan waaʼee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu caalaatti akka barattuuf ishii afeerte.

 Sobagaayaan yeroo mana geessu ammayyuu waaʼee of ajjeesuu yaaduu hin dhiisne. Haa taʼu malee, firri tokko Maagaanaa fudhatee karaa waan deemeef karoora ishii kana raawwachuuf hanga intalli ishii deebitutti eeguu qabdi turte.

 Yeroo booda Elsaabet ishii aferteenii turte bira kan deemte yommuu taʼu ishiinis miira hoʼaadhaan simatteen. Yeroo kanatti Elsaabet kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu itti argisiiste. Sobagaayaan boqonnaa “Warri Duʼan Eessa Jiru?” jedhu beekuu barbaadde. Waaʼee abbaa manaa ishii dhiheenyatti duʼee beekuu waan barbaaddeef boqonnaan kun ishii hawwateera. Sobagaayaan gaafuma sana qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabde.

 Elsaabet walgaʼii koonyaa torban ittaanu godhamu irratti akka argamtuuf Sobagaayaa kan afeerte yeroo taʼu ishiinis ni fudhatte. Sagantichi baayʼee kan ishiitti tole yeroo taʼu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuufis ni murteessite. Walgaʼii koonyaadha akkuma deebiteenimmoo hojii argatte.

 Sobagaayaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu itti fufte. Yeroo ammaa, of ajjeesuu barbaaduu mannaa kaayyoon jireenyaa maal akka taʼe beekuu jalqabde. Sobagaayaan kan cuuphamte yeroo taʼu intalli ishii Maagaanaanis ni cuuphamte. Yeroo harʼaa lamaanuu qajeelchitoota yeroo hundaa yommuu taʼan Maaganaan immoo waajjira hiikaa Hindii keessaa tokko keessatti fedhiidhaan fageenyarraa tajaajilti.

Sobagaayaa fi Maaganaan yeroo ammaa

 Sobagaayaa fi Maaganaan Elsaabet baabura keessatti waaʼee dhugaa Sobagaayaatti himuu ishiitiif baayʼee galateeffatu. Hunda caalaa immoo Yihowaa baayʼee galateeffatu. Maaganaan akkana jetteetti: “Gaafa sana dhugaa utuu hin dhageenye taʼee yoona duunee biyyoo taaneerra. Amma garuu baayʼee gammanneerra. Haati koo fi ani yeroo itti abbaa kiyya deebinee arginu, waaʼee Yihowaa isa barsiisnuu fi Yihowaan akkamitti akka nu oolche yeroo itti himnu hawwiidhaan eegna.”