Dhimma ijoo ta'etti seeni

Isa Gargaaruuf Itti Goran

Isa Gargaaruuf Itti Goran

 Boob Albertaa, Kaanaadaa keessa kan jiraatu siʼa taʼu, guyyaa qorraa fi bubbee cimaa qabu keessa, saʼaatiitti gara kiilomeetira 100 utuu oofaa jiruu akkuma tasaa gommaan konkolaataa isaa inni karaa duubaa jiru ni dhukaʼe. Jalqaba irratti Boob wanta taʼe waan hin beekneef, gara mana isaatti kiilomeetira shan oofuu isaa itti fufee ture.

 Xalayaa Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo sanatti argamuuf barreesse irratti, Boob wanta itti aansuudhaan taʼe ibseera. Akkana jedhee barreesseera: “Dargaggoonni akkuma koo konkolaataadhaan deemaa turan shan foddaa isaanii bananii gommaan koo akka dhukaʼe natti himan. Achiis konkolaataa keenya dhaabne, isaanis gommaa koo naa jijjiiruuf na gaafatan. Ani garuu gommaa kan biraas taʼe meeshaa ittiin konkolaaticha ol kaasan qabachuu koo illee hin beeknen ture. Anis daandii guddaa qarqara wiilcharii koo irran taaʼe; isaanis konkolaataa koo jala lixanii gommaa kan biraa fi meeshaa ittiin konkolaataa ol kaasan argatan; achiis gommaa koo naaf jijjiiran. Qilleensi isaa baayʼee diilallaaʼa, cabbiinis ni qilleensaʼa ture. Uffanni isaaniis kan hojii taʼuu baatus, gommaa koo naaf jijjiiranii na geggeessan. Silaa ani ofuma kootiin kana raawwachuu hin dandaʼun ture.

 “Dargaggoota Dhugaa Baatota shanan na gargaaran kana baayʼeen isaan galateeffadha. Isaan naannuma sana kan turan siʼa taʼu, mana namootaa dhaqanii lallabuuf deemaa jiru turan. Dhugaa isaa dubbachuuf, dargaggoonni kun wanta lallaban hojii irra kan oolachani dha. Haala rakkisaa nama dhiphisu kana irraa na oolchaniiru, kana gochuu isaaniitti baayʼeen isaan dinqisiifadha. Gaafa sana dargaggoota gaarii taʼan sana kan naaf erge Waaqayyo taʼuu dandaʼa maaltu beeka?”