Dhimma ijoo ta'etti seeni

Hidhamtoota Irraa Barateera

Hidhamtoota Irraa Barateera

 Namichi tokko bara 2011⁠tti Eertiraadhaa baqatee gara Noorweeyi dhufe. Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu isa haasofsiisan biyya isaatti Dhugaa Baatota wajjin wal argee akka ture isaanitti hime. Biyya isaatti humna waraanaa keessa yeroo turetti Dhugaa Baatota amantii isaaniitiin kan kaʼe hidhaman akka arge dubbate. Dhugaa Baatonni kun miidhaa cimaan isaan irra gaʼus dhiibbaa humna waraanaa keessa akka galaniif isaan irra gaʼuuf harka hin kennine.

 Namichi kun wanta jireenya isaa keessatti akka tasaa isa mudateen kan kaʼe ni hidhame. Achittis Dhugaa Baatota sadan bara 1994 kaasee sababii amantii isaaniitiin kan kaʼe hidhaman jechuunis Phaawuloos Iyyaasuu, Negedee Taklamaariyaamii fi Yisihaaq Mogas wajjin hidhame.

 Namichi kun yeroo mana hidhaa turetti Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta barsiisan akka hojii irra oolchan ofuma isaatii arguu dandaʼeera. Amanamoo akka taʼanii fi nyaata isaanii illee hidhamtoota kaaniif akka hiran hubateera. Dhugaa Baatonni isa wajjin hidhaman guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka waliin qoʼatanii fi warra kaanis akka affeeran argeera. Barreeffama amantii isaanii akka ganan ibsu irratti yoo mallatteessan bilisa baʼuu kan dandaʼan taʼus, isaan garuu kana gochuu didaniiru.

 Haalli kun namicha garaa qajeelaa qabu kana baayʼee waan tuqeef gara Noorweeyi erga deemee booda Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii cimaa akkasii kan qabaatan maaliif akka taʼe beekuu barbaade. Achiis Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin yommuu wal argu battalumatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼiiwwan irratti argamuu jalqabe.

 Bara 2018 jiʼa Fulbaanaatti cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Yeroo ammaatti carraa argate hundatti fayyadamee namoota Eertiraa fi Sudaan irraa dhufan haasofsiisuudhaan Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatanii fi amantii cimaa akka horatan jajjabeessaa jira.