Dhimma ijoo ta'etti seeni

Walgaʼii Guddaa Afaan Taagaaloogiin Roomaatti Geggeeffame—“Maatii Guddaan Deebiʼee Tokko Taʼe!”

Walgaʼii Guddaa Afaan Taagaaloogiin Roomaatti Geggeeffame—“Maatii Guddaan Deebiʼee Tokko Taʼe!”

Dhugaa Baatonni Yihowaa kumaan lakkaaʼamanii fi afaan Taagaaloog dubbatan, walgaʼii guddaa adda taʼee fi Adoolessa 24-26, 2015tti geggeeffamu irratti argamuuf Roomaa, Xaaliyaaniitti walitti qabaman; Roomaan Filippiinsi ishii biyya uummata Taagaloog taate irraa kiilomeetira 10,000 ol fagaatti.

Tilmaamni tokko akka mulʼisutti yeroo ammaatti uummata Filippiinsi 850,000 oltu Awurooppaa keessa jiraata. Kanaan kan kaʼes, gumiiwwanii fi gareewwan Dhugaa Baatota Yihowaa gara 60 taʼan walgaʼiiwwan isaanii afaan Taagaaloogiin geggeessu; akkasumas uummata Filippiinsi naannoo isaanii jiraataniif ni lallabu.

Haa taʼu malee, walgaʼii guddaa Roomaatti geggeeffame kana irratti, gumiiwwanii fi gareewwan kun hundi walgaʼii guyyaa sadiif yeroo jalqabaatiif afaan isaaniitiin geggeeffamu irratti argamuuf walitti qabaman. Dhaggeeffattoonni achitti argamanii fi 3,239 taʼan, miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼe Maark Saandersan inni kanaan dura Filippiinsi keessa tajaajile guyyaa sadanuu haasaa xumuraa kennuu isaatti gammadaniiru.

“Kallattiidhaan Garaa Koo Tuqaniiru”

Namni tokko walgaʼii guddaa afaan isaatiin ykn afaan lammaffaa isaatiin geggeeffamu irratti yoo hirmaate garaa garummaa qabaa? Haati Qeentee taatee fi Iivaa jedhamtu, “Hamma tokko Ingiliffa nan hubadha, walgaʼii guddaa afaan Taagaaloogiin geggeeffame kana irratti garuu Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu kallattiidhaan garaa koo tuqaniiru.” Qarshii biyya ishii Ispeenii gara Xaaliyaanii deemuuf dandeessisu argachuuf, ishiinii fi ijoolleen ishii akka kanaan dura gochaa turan torban torbaniin alaa nyaachuu dhiisanii jiʼatti al tokko qofa akkana gochuuf murteessaniiru. Iivaan, “Walgaʼii kana irratti waan hunda waanan hubadheef, aarsaan kaffalle nama hin gaabbisiisu” jetteetti.

Yaasmiin, ishiin Jarmanii jiraattu walgaʼii kana irratti argamuuf boqonnaa gaafatte. Akkana jetteetti: “Anumaa baʼuuf jedhuu, hojiin hojjetamuu qabu waan jiruuf deemuu akkan hin dandeenye natti himame. Ofan tasgabbeesse, Yihowaan kadhadhe; achiis hoggantuu koo biran dhaqe. Achiis hojicha irra deebinee kan qindeessine siʼa taʼu, walgaʼii irratti argamuu dandaʼeera! Obboloota lammii Filippiinsi guutummaa Awurooppaa keessaa walitti qabamanii wajjin taʼuuf carraa argachuun baayʼee kan nama gammachiisu ture.”

Uummanni Filippiinsi Awurooppaa keessatti argaman biyya isaanii qofa utuu hin taʼin, michoota isaanii gara biyyoota Awurooppaa kaaniitti godaananis ni yaadu. Walgaʼii guddaan kun michoota kana keessaa hedduun isaanii obbolootaa fi obboleettota hafuuraa taʼanii deebiʼanii akka wal arganiif haala mijeesseera. (Maatewos 12:48-50) Faabriis “Namootan kanaan dura beeku argachuun koo baayʼee na gammachiiseera!” jedheera. Xumura walgaʼichaa irratti obboleettiin tokko irra deddeebitee, “Maatii guddaan deebiʼee tokko taʼe!” jechaa turte.