Dhimma ijoo ta'etti seeni

Istooniyaan “Milkaaʼina Guddaa” Argatte

Istooniyaan “Milkaaʼina Guddaa” Argatte

Istooniyaan “Milkaaʼina Guddaa” Argatte

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa afaan Istooniyaatiin qophaaʼe, Badhaasa Hojii Afaanii Waggaa Istooniyaa 2014tiif kaadhimamee ture. Kitaabota kaadhimaman 18 keessaa xumura irratti sadarkaa sadaffaa argateera.

Hiikni Kitaaba Qulqulluu haaraan Hagayya 8, 2014tti baʼe kun, badhaasaaf kan filatame hayyuu qooqaa Dhaabbata Afaanii Istooniyaa kan taʼan Kristiinaa Roosiin ture. Kiristiinaa Roos, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa “kan namaaf galuu fi dubbisuuf kan namatti tolu” akka taʼe dubbataniiru; Itti dabaluudhaanis, “Carraaqqiin kitaaba kana hojjechuuf godhame hojii hiikkaa Istooniyaa keessatti gumaacha guddaa kan godhu dha” jedhaniiru. Piroofeesara barreeffamaa fi aadaa Istooniyaa kan taʼan Ran Vaademaan hiika haaraa kana “milkaaʼina guddaa” jedhanii waamaniiru.

Kitaabni Qulqulluun jalqabaa afaan Istooniyaatiin kan qophaaʼe bara 1739tti siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee hiikkaawwan kaanis qophaaʼaniiru. Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa “milkaaʼina guddaa” akka taʼetti kan ibsame maaliifi ree?

Hiika Sirrii. Kan nama gammachiisu Kitaabni Qulqulluu beekamaan bara 1988tti afaan Istooniyaatiin qophaaʼe maqaa Waaqayyoo “Jehoova” (Yihowaa) jechuudhaan Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa (Kakuu Moofaa) keessatti iddoo 6,800 olitti galcheera. a Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa afaan Istooniyaatiin qophaaʼe immoo iddoowwan kanaa fi iddoowwan kaanitti maqaa kanatti fayyadameera. Iddoo galchuudhaaf ragaa quubsaan jiru hundatti Hiikni Addunyaa Haaraa Kitaabota Qulqulluu Giriikii (Kakuu Haaraa) keessattis maqaa kanatti fayyadameera.

Ifa kan taʼe. Hiikni Addunyaa Haaraa sirrii fi dubbisuuf kan namatti tolu dhaa? Hojii hiikkaa Kitaaba Qulqulluu kan hojjetan Toomaas Poowul gaazexaa Eesti Kirik (Waldaa Istooniyaa) jedhamu irratti Hiikni Addunya Haaraa “shakkii tokko malee afaan Istooniyaa qulqulluutti hiikame” jechuudhaan barreessaniiru. Itti dabaluudhaanis: “Galma kana irra kan gaʼame yeroo jalqabaatiif akka taʼe isinii mirkaneessuun barbaada” jedhaniiru.

Hiikkaa afaan Istooniyaa irraa fayyadamuu

Namoonni Istooniyaa Hiikni Addunyaa Haaraa kun baʼuu isaatti miirri isaanitti dhagaʼame baayʼee nama dinqisiisa. Raadiyoon biyyaalessaa tokko Kitaaba Qulqulluu haaraa kanaaf sagantaa daqiiqaa 40 qopheessee ture. Geggeessitoonni amantii fi namoonni waldaa deeman kaan kitaaba kana fudhachuuf Dhugaa Baatota Yihowaa gaafataniiru. Manni barumsaa beekamaan Taaliin keessatti argamu tokko barumsa tokko irratti itti fayyadamuuf Hiika Addunyaa Haaraa koppii 20 gaafateera. Namoonni Istooniyaa kitaaba ni jaallatu; Dhugaa Baatonni Yihowaas hiikkaa sirrii fi ifa taʼe isaaniif dhiheessuu isaaniitti baayʼee gammadu.

a Dura taaʼaa Qoʼannaa Kakuu Haaraa Yunivarsiitii Taartuu kan taʼan Eeyin Riistan namoonni Istooniyaa maqaa Waaqayyoo “Jehoova” jedhanii waamuu kan jalqaban akkamitti akka taʼe erga ibsanii booda, xumura akkana jedhu irra gaʼaniiru: “Maqaan Jehoova jedhu yeroo harʼaatti maqaa Waaqayyoo akka gaariitti akka ibsu natti dhagaʼama. Maddi isaa maal iyyuu yoo taʼe, hiikni inni dabarsu dhaloota hedduudhaaf hiika barbaachisaa taʼee fi gadi fageenya qabu kan qabu dha—Jehoovaan maqaa Waaqayyo isa namoota fayyisuuf Ilma isaa gara lafaatti ergee ti.”