Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Yaalii Fayyaa Ni Fudhatuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Yaalii Fayyaa Ni Fudhatuu?

 Eeyyee! Dhugaa Baatonni Yihowaa qorichas taʼe yaalii fayyaa ni fudhatu. Qaama keenya kunuunsuudhaan fayyaa gaarii qabaachuuf kan yaallu taʼus, darbee darbee ‘ogeessi qorichaa’ ykn doktoorri nu barbaachisa. (Luqaas 5:31) Yeroo harʼaas akkuma Luqaas isa Kiristiyaana jaarraa jalqabaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko ogeessota fayyaa dha.—Qolosaayis 4:14.

 Haataʼu malee yaaliiwwan fayyaa tokko tokko seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan walitti buʼan waan taʼaniif, yaaliiwwan akkasii hin fudhannu. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun dhiigattii akka fagaannu waan gorsuuf dhiiga hin fudhannu. (Hojii Ergamootaa 15:20, hiika bara 1899) Haaluma wal fakkaatuun, Macaafni Qulqulluun yaalii fayyaa gochawwan hafuura xuraaʼummaa wajjin wal qabate ni dhorka.—Galaatiyaa 5:19-21.

 Haataʼu malee, yaaliiwwan fayyaa hedduun seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walitti hin buʼan. Kanaafuu yeroo kanatti filannaa dhuunfaa goona. Dhugaa Baatuun tokko qoricha ykn yaalii fayyaa tokko filachuu, inni kan biraan immoo isa inni filate fudhachuu dhiisuu dandaʼa.—Galaatiyaa 6:5.