Dhimma ijoo ta'etti seeni

© Kim, Hyun-tae/iNaturalist. Licensed under CC-BY-4.0

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Sagalee Raacha Jaappaan Isa Mukarra Jiraatuu

Sagalee Raacha Jaappaan Isa Mukarra Jiraatuu

 Raachonni Jaappaan warri kormaan mukarra jiraatan, sagalee qindoomina waan hin qabne fakkaatu irra deddeebiʼanii dhageessisu. Haataʼu malee, yeroo raachi warri kormaan baayʼatanii sagalee dhageessisanittillee, sagalee kormaa tokkoo adda baasuun ni dandaʼama. Jaappaanitti qorattoonni raachota kanarratti qorannoo gochaa jiran, kun taʼuu kan dandaʼe raachi warri kormaan naannoo tokko jiraatan, raacha warra dhaaltuu waamuuf sagalee baayʼee qindaaʼaa taʼe waan dhageessisaniif akka taʼe hubataniiru.

 Mee yaadi: Raachonni kormaan mukarra jiraatan kun xiyyeeffannaa warra dhaltuu harkisuuf sagalee uumu. Sagalichi laagaa isaanii keessa asii ol dhufee, qalqalloo sagalee afuuffee fakkaatuu fi naannoo morma isaanitti argamu keessa yommuu darbu ni guddata.

 Sagaleen kormaa tokkoo kan kormaa isa kaanirraa akkamitti adda baafama? Qorattoonni akka hubatanitti, raachonni Jaappaan mukarra jiraatanii fi walitti dhihoo jiran, yeruma barbaadanitti sagalee hin dhageessisan; kanaa mannaa raachi hundi dabareesaa eeggatee sagalee dhageessisa. Malli buʼa qabeessi kun sagaleen hundasaanii wal faana dhagaʼamuu mannaa, sagaleen tokkoon tokkoon isaanii qofa qofaatti akka dhagaʼamuu godha, akkasumas humna qusachuuf isaan gargaara. Dabalataanis duraa duubaan sagalee dhageessisuun isaanii gidduutti hafuura fudhachuuf isaan dandeessisa.

 Namoonni mala shiboo malee odeeffannoo dabarsuuf gargaaru irratti qorannaa godhan, mala qindaaʼaa raachonni kun sagalee itti dhageessisan hordofanii, mala wal xaxaa taʼetti fayyadamuudhaan odeeffannoon tokko isa kaanii wajjin utuu wal hin jeeqin yeroo inni gama tokkoo gara gama isa kan biraatti itti darbu fooyyessuu dandaʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, odeeffannoo caalaatti karaa amansiisaa taʼeen daddabarsuu fi humna qusachuun dandaʼameera.

 Maal sitti fakkaata? Dandeettiin raachonni Jaappaan mukarra jiraatan sagalee qindaaʼaa uumuuf qaban jijjiirama tirannaatiin kan argamedhaa? Moo qaamni kana tolche jira?